Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa Artiistoota adda addaa dorgomsiise badhaase.

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa Artiistoota adda addaa dorgomsiise badhaase.

(SQ-Waxabajjii 29,2022)

Sagantaan Badhaasaa Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Artistoota buleeyyii fi dhaloota haaraa damee adda addaan bobbaโ€™an badhaaseera.

Faawundeeshinichi Artiisti Haaloo Daawwee, Ibraahiim Adamii fi Zarihuun Wadaajoo tokko tokkoon isaani qarshii kuma dhibba 1 fi kuma 50 badhaaseera.

Dabalataan Sirna Badhaasa Haacaaluu Hundddeessaa waxabajjii 29/2022 kanaan Dameelee badhaasaa kanatti dhihaatan keessaa:
Walaloo Bareedaa (Best Lyrics) bara 2022, Siisaay Asaffaa Badhaasa waancaa fi Birri kuma dhibba 1 badhaase jira.

Yeedaloo Bareedaa (Best Melody) bara 2022 weellisaa Yoosan Geetaahun Badhaasa waancaa fi qarshii kuma dhibba 1 badhaase jira.

Sirba Cimaa bara 2022 (Song of the Year) “3Obsan” Yoosan Geetaahuun, Badhaasa waancaa fi qarshii kuma dhibba 2 badhaase jira.

Qindeessaa muuziqaa cimaa bara kanaan Artiisti Daawwiit Taaddasaa qarshii kuma dhibba 1 badhaase jira.

Sinimaatoogiraafi cimaa bara kanaa Artiisti Shimallis Taaddasaa injifateera.

Kana malees faawundeeshinichi ogeessota suuraa garaa garaaf beekkamtii kennuun saganticha haala ho’aa ta’een xumuree jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *