“Miindaa dabalataa osoo eeggachaa jirruu kan duraan argachaa turre mootummaan nurraa kute”Hojjettoota Buufata Fayyaa Oromiyaa

Miindaa dabalataa osoo eeggannu kan duraan argannu irraa mootummaan miindaa nurraa kutaa jiran jechuun Hojjettootni Buufata Fayyaa Naannoo Oromiyaa dubabtan .

Hojjettoota Buufata Fayyaa Naannoo Oromiyaa keessa hojjetan osoo daballii miindaa eeggachaa jiranii kan duraan argatan irraa walakkaan akka irraa citu taasifamuun rakkoo uumuu hojjettootni ni dubbatu.

Akka Hojjettootni Buufata Fayyaa Naannoo Shaggar tokko tokko yaada isaanii Sagalee Qeerrootti himanitti ammaan dura kaffaltiin argachaa turre baatii Sadaasaa irraa eegalee akka walakkaan irraa cite seerri mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa bahe gadi bu’uun yaaddoo nutti taheera jedhan.

Mootummaan miindaa hojjettootaaf ni daballa jedhee osoo dubbatuu haala hin baratamneen hojjettoota buufata Fayyaa Naannoo Oromiyaa kan yeroo achi bulan (duty)jedhamuun kaffalamaaf ture baatii sadaasaan booda akka hin kaffalamneef dhorkamuun miindaan keenya duraanuu xiqqoodha amma immoo akka nuyi duty hin arganne yeroo taasifamnu haamilee nu cabsuu qofa osoo hin taane akka nuyi rakkoo ulfaataa kana caalaaf saaxilamnu nu taasisan jedhan.

Hojjettootni Buufata Fayyaa Naannoo Oromiyaa yeroo ammaa kana kan duraan haamilee guutuun dhibamtoota haamileedhaan yaalaa turan amma dhukkubsataan yeroo dhufus namni seeraan yaalus akka hin jirree fi halkan immoo namuu dhukkubsataa achi bulee yaaluuf qarshii hin argatan waan taheef ogeessotnis haamilee dhaban dhibamtootnis rakkachaa jiraachuun nuuf himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *