Kora Waliinii irratti Ibsa Waloo ABO fi KFO irraa Kenname.

 

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Jila jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa wajjiin taanee rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’erratti yaada furmaataa barbaachuuf marii taasisneerra.

Mariin godhames baatii lamaa ol kan lakkoofsise yoo ta’u, hangaa guyyaa Guraandhala 18, 2025tti mariiwwan xixxiqqoo hedduu gochaa turuun gaafa guyyaa Guraandhala 19, 2025 hanga Guraandhala 22, 2025tti kutaa hawaasa Oromoo garaa garaa ofitti dabaluun Magaala Finfinnee Hoteela Ililliitti guyyaa afuriif kora guddaa geggeessineerra. Koricharrattis rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru fi rakkoolee adda addaa furuuf waliigalteerra geenyee, wantota hedduu nageenya Oromiyaa fi Oromoo waliin walqabatan irratti mootummaa waliin walii galteerra ga’uun akka danda’aamu hubannee mootummaa waliin mari’achuuf qophiilee barbaachisoo gochaa jirra.

Kaayyoon ijoo marii kanaa rakkina nageenya Oromiyaa keessa jiru furuudhaaf qaamota waraana irra jiran waraana dhaabuun rakkina jiru karaa nagaa furuuf irratti hojjachuu dha. Dhimma ijoo nagaa waaraa buusuu kana waliigaltee fi murtii Kora Walinii Guraandhala 22, 2025 ibsame karaa miidiiyaa hawwasummatiin qoodame hordoofe midiyaaleen garaa garaa akeeka fi kaayyoo marichaan ala hikkaa adda addaa itti kennuun ibsuu isaanii hubachuun ibsa bal’aa sirrii ta’e sabahimaalee garaa garaatiif kennun barbaachisaa tahe mul’ateera.

Akka kanaan kaayyoo ijoo marii Kora Waliinii:
1. Egeree ummata Oromoo fi naannoo Oromiyaaf yaadessaa kan tahe mari’aatanii karaa nagaa fi sabatiinsa qabuun furuu akka ta’u cimsinee hubachiifna.

2. Gaaffilee ummata Oromoo ilaalchisee kanneen bakka adda addaatti kaka’an hunda Mootummaa fi qaamootni dhimmi ilaallatu waliin marii gochuun furmaata kan argatan ta’uu beeksifna.

3. Rakkoolee jiraniif gaaffilee deebii barbaadaniif karaa nagaatiin furmaata akeekuun erga mari’atamee booda yaadni furmaataa irratti waliigalame hojiitti hiikama.

4. ‘Nageenyi furmaata hundaati’ jennee waan amannuuf, marii fi sochiin amma eegalame qaama nageenya kanaa ta’uu beeksifna; kanaan walqabatee sochii jalqabame kana gufachiisuuf carraaqqiin godhamuu fi ololli adeemsifamu kamuu irratti hirmaachuu irraa qaamootni adeemsa nagaa kana keessatti qooda fudhachaa jiran hunduu of qusatuu fi qoqqobuudhaan kaayyoo nageenyaaf tumsa barbaachisu akka godhan cimsinee hubachiifna.

Haala qabatamaa nageenyaan wal qabatee Oromiyaa keessatti adeemaa jiru bu’uura godhachuudhaan qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi tumsa yoo godhe nageenyi waaraan dhufuu waan danda’uuf barbaachisummaan Kora Waliinii Oromiyaa keessatti nagaa buusuuf qabu olaanaa akka ta’e ABO fi KFO’n guddaa itti amanu. Kanarraa ka’uun, ejjennoon Waloo Kora Waliinii ABO fi KFO akka armaan gadiitti ibsamaniiru:

1. Nageenya waarawaa Oromiyaa keessatti fiduuf qaamni dhimmi ilaallatu hunduu furmaata kennamuuf hojii hojjatamu tumsuu qaba.

2. Qaamonni Oromiyaa keessatti kan wal waraanan waraana dhaabuun rakkina jiru karaa nagaan furuuf jecha hojii hojjatamu qaban keessatti qooda irraa eegamu bahachuuf dirqama ofitti fudhachuu qabu.

3. Olaantummaa Seeraa kabachiisuu keessatti qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu qooda irraa barbaachisu bahachuun nagaa buusuuf hojjachuun dirqama hundaa tahuu hubachiifna.

4. Dhimma nageenya Oromiyaa fi dhimmoota adda addaan walqabatee, dhimmoonni mootummaa waliin irratti walii galuun danda’amu hedduun waan jiraniif, mootummaa waliin atattamaan mariitti seenuu irratti hojjatamaa jiraachuu hubachiifna.

5. Paartileen Siyaasa ABO fi KFO’n dhimma nageenya Oromiyaa irratti mootummaa waliin mariihatuun furmaataa waaraa argamsiisuuf hojjatna.

6. Mariin kun yoom, eessatti fi akkamitti akka eegalu dursa qaamota sadan jiddutti waliigaltee ta’uun mari’atamuun kan murtaa’u ta’a.

7. Rakkoo fi garaagarummaa siyaasaa qabnu kamiyyuu mariidhaan hiikuun barbaachisummaa inni nageenya ummata keenyaaf kan qabu tahutti amanna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)

Guraandhala 26, 2025

Finfinnee!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *