Godina Baalee aanaalee garagaraatti hongee mudateen ummanni balaa beelaatiif saaxilamuun miidhamaa jiraachuun himame.

Godina Baalee aanaalee garagaraatti hongee mudateen ummanni balaa beelaatiif saaxilamuun miidhamaa jiraachuun himame.

(SQ-Adoolessa 10,2022)

Balaa beelaa isaan mudateen ummanni loowwan hedduufi lubbuu namaa dhabaa jira jedhu jiraattonni.

Baale Bahaa aanaalee kanneen akka Sawweenaa, Gurraa Dhaamolee, Raayituu, Daawwee Sarar, Daawwee Qaaccan fi kanneen biroo keessatti beelli kun hammaatee jiraachuu maddeen keenya nuuf himan.

Hongeen uumame dheerachuufi ummanni beelawe gargaarsa dhabuu irraa kan ka’e lubbuun namaaf beeyladootaa gaaga’amaa jiraachuun himamee jira.

Aanaa Sawweenaatti namoonni beela kana dandamachuu dadhabanii ilmaan isaanii wajjiin aanicha gadidhiisanii gara magaalaatti baqachaa akka jiran viidiyoon waraabamee fuula miidiyaa hawaasaa irra faca’e ni mul’isa.

Jiraataan aanaa Sawweenaa abbaan ilmaan 11 ta’e kan viidiyoon isaa marsaalee hawaasaa irra naanna’u tokko “Loowwan koo guutuun najalaa dhumee lubbuu ilmaan kiyyaa baraaruuf gara magaalaa dhufe” jedha.

Yeroo ammaa ilmaan isaa daandii irra jiraachuu dubbata.

Balaa beelaa isaan hubaa jiru kanaaf hanga ammaatti gargaarsa dhabuu kan himu namni kun mootummaa fi ummata bal’aa irraa gargaarsa barbaanna jedha.

Ummanni balaa beelaa hammaataa kanaaf saaxilame ilmaan isaa du’a irraa baraaruuf jecha hamma bineensa bosonaa ajjeesee ilmaan isaa nyaachisuutti gahuu maddeen himan.

Haala amma jiruun yoo itti fufe lubbuun namoota baay’ee darbuu akka malu kan himan maddeen, gargaarsi hatattamaa ummatichaaf taasifamuufii akka qabus dhaamaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *