Waraanni Bilxiginnaa Godina Wallagga Bahaatti maatii tokko keessaa namoota 3 dabalatee uummata nagaa 7 yoo ajjeesu Shawaa Bahaatti ammoo obbolaa lamaan ayyaana kabaja turan ajjeesun dhaga’ame.
(SQ-Adoolessa 11,2022)
Duula maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo isa dhumaaf balleessuu jedhuun Guutummaa Oromiyaa keessaa bobbaafamanii kan jiran waraanni Faashistii Bilxiginnaa fi Faannoon Amaaraa, guyyaarraa gara guyyaatti haleellaa Waraana Bilisimmaa Oromoo irraa isaan mudatu ofkaluu dadhabuudhaan uummata nagaa jumlaan fixaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turreerra.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Adoolessa 10/2022 Godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuu Ganda Muka Raabaa jedhamutti Waraanni Bilxiginnaa Gaachana sirnaa jedhanii of waamanii fi Faannoon Amaaraa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuuf daboo dufan, Maatii tokko keessaa namoota 3 dabalatee Gandicha keessaa namoota 7 rashanuu maddeen nuuf himan.
Namoonni badii tokko malee Waraana faashistii Bilxiginnaa kanaan ajjeefaman kunneen:-
Kaadhimamaa Barsiisaa Gabayyoo
Tolosama.
Warqinaa Tamasgeen.
Fayeeraa Nagaasaa.
Bushaa Nagaasaa.
Aabbushee Haylee.
Tolaa Gonfaa fi
Qeerroo Shaashoo kanneen jedhaman yoo ta’an badii qabaatanii osoo hin taane, sababa Oromummaa isaanii qofaaf akka bineensaatti ajjeefaman jedhu maddeen keenya.
Odduma wal fakkaatuun Badii tokko malee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni faashistii Bilxiginnaa Adoolessa 10/2022! Godina Shawa bahaa aanaa Boosat Ganda Qaawwaa bakka Meerqasaatti obbolaa lamaan ayyaana lid aladaha kabajaa turan rasaasa itti roobsuun ajjeessu maddeen SQ nuuf himan.
Obboleeyyan badii tokko malee Mana isaanii keessatti waraana maafiyaa pp,tiin ajjeefaman kunneen Ibraahim Haajii fi Yusuuf Haajii kan jedhaman yoo ta’an Ayyaanaaf mana isaanii turanii yeroo gadi ba’aan Waraanni Bilxiginnaa naannicharra osoo darbuu badii tokko malee rasaasaan reebe ajjeesse jedhu.
Namoonni ajjeeffaman kunneen Siyaasa keessa qooda hin qabanis jedhu maddi keenya.
Mootummaan Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.