Baankiin Oromiyaa magaalaa finfinneetti Damee Aagarii Tulluu banuun beeksisee.
(SQ-Adoolessa 27,2022)
Tibba kana Maqaa gootowwan Oromoodhaan Dameelee isaa banaa kan jiru Baankiin Oromiyaa Kana dura Magaalaa Finfinnee naannoo Jamootti Damee Artist Eebbisaa Addunyaa yoo banu, Magaalaa Dirree Dhawaatti ammoo Damee Artist Nuhoo Mohaammad Gobanaa banuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan itti fufuun Baankiin Oromiyaa Handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee Naannoo Kotobee, Massaalamiyaa bakka jedhamutti Damee isaa haaraa maqaa Gooticha Oromoo Aagarii Tulluutiin banuu baankichii fuulbarruu isaa irratti beeksisee jira.