Faannoon Ambulance saamuu waldaan Fannoo Diimaa beeksise

 

Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ambulaansiin gargaarsa namoomaatiif itti gargaaramu waajirasaa naannoo Amaaraa magaalaa Finoota-Salaam jiru keessaa hidhattoonni humnaan jalaa fudhachuu ibse.

Waldichi ibsa Fulbaana 20, 2023 baaseen ambulaansiin qabeenyummaan isaa kan Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa waajira damee Lixa Gooojjam ta’e Kibxata Fulbaana 19, 2023 humnoota ‘hin beekamne hidhataniin” akka jalaa fudhatame himeera.

“Ambulaansichi kan fudhatame mooraa waajira damee magaalaa Finoota-Salaam jiru keessaa yoo ta’u, kan fudhatames dirqisiisuun,” jechuun ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *