Dirmannaa Sabaaf WMT irraa dhiyyaate

WAAMICHA BIRMANNAA SABAA

 

DHIMMI: Miidiyaaleef ibsa laachuu taha.

 

Saba walitti qabanii gumaacha gaafachuuf WMT sagantaa qopheesse.

 

Ibsi bakka itti kennamu KAKUU MAAMMEE Finfinnee naannoo Caffee Muudaa[Lidetaa]guyyaan jimaata dhufu, guyyaa 24/6/2015, Sa’aatii 4:00 irraa eegalee.

Bakki walgahii sabaafi buusii GALMA GEDDU GALEESSAA AADAA OROMOO, Guyyaa Dilbataa, gaafa 26/6/2015 sa’aatii 70:00 irraa eegalee

Waldaan Maccaafi Tuulamaa, hangaftichi waldaaleefi dhaabbilee Oromoo hongee BOORANAAtti miidhaa hamtuu saba keenyarraan gahaa jiruun walqabatee gargaarsa bal’aa taasisuuf gurmii hunda galeessa barbaachisa jedhee waan amanuuf, sabaaf bakka tokkotti waamicha gochuu barbaada.

Kanaaf, Jimaata dhufu (3/3/2023) ganama sa’aatii 10:00 irraa eegalee KAKUU MAAMMEETTI ibsa miidiyaaleef laatuun waamicha gargaarsaa sabaaf dhiyeessa. Miidiyaaleen argamtanii akka gabaastaniifi sabnis hordofuun gargaarsa lubbuu baraaruu kana akka gootan hunda keessaniifuu waamicha dhiyeessa!

Kanumaan walqabatee ibsichi erga laatamee guyyoota lamaan booda gaafa Dilbataa (26/6/2015) guyyaa keessaa sa’aatii 7:00 eegalee sabni waan danda’u hunda buufachuun BOORANAA akka utubuuf GALMA GEDDU GALA AADAA OROMOOTTI walgahiin qophaa’ee jira.

Ilmaan saba kanaa hundi koottaa waliin wal yaa utubnuu jechuun waamicha isiniin geenya.

Walirraa hin hafnu!

(Waldaa Maccaafi Tuulamaa)

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *