Gaazaxeessituun Sabboontuu Ahmed hidhamuun dhaga’ame.
(SQ-Caamsaa 27,2022)
Sabboontuun Kaleessa galgala Osoo lafa hojiitii baatee gara mana isheetti galaa jirtuu Poolisootaan qabamtee gara waajjira Poolisii Magaalaa Finfinnee Labuu naannoo addaa Muuziqaa safar jedhamuutti geeffamuun ishee Mirkaneeffannee jirra.
Sabboontuu Gaazaxeessituu Cimtuu Garee sagantaa Bashannanaa FiB yeroo taatu hojiirra ooltee gara mana isheetti deebi’aa osoo jirtuu Poolisoota Lamaan qabamtee gara waajjira poolisii geeffamuun ishee beekamee jira.
Hanga sa’a kanaatti Sabboontuu sababa Maaliif akka qabamte kan hin beekne ta’uu ishee himtee jirti. FiB TVnis dhimma Gaazexeessituu isaa kana xiyyeefannoon hordofaa kan jiru ta’uu isaa isin beeksiseera
Gaazexeessituu Sabboontuu Ahmed kanaan dura Gaazexeessituu media ONN turte.
Click to tag products