Du’aan Boqotuu Wellisaa Kabajamaa Ibraahim Aadam ilaalchisuun Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo-ABO

 

Du’aan Boqotuu Wellisaa Kabajamaa Ibraahim Aadam ilaalchisuun Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo-ABO
Duuti dhala namaa irraa kan hin hafne ta’us du’aan boqotuu Wellisaa kabajamaa fi jaallatamaa, qabsa’aa Oromoo Art.Ibraahim Aadam wayta dhageenyetti gaddi nutti dhaga’ame guddaa dha.
Art.Ibraahim Aadam akkuma wellistoota sab-boontota Oromoo warra dura dammaqanii karaa aadaa fi afaanii akkasumas roorroo falmaa fi ummatnis dammaqee akka falmu kakaasaa turan keessaa isa tokko ture.
Akka seenaan isaa mul’isutti Art.Ibraahim Aadam (Faffacaanee) bara 1958tti Baha Oromiyaa magaalaa Harar iddoo Hammarreessa jedhamutti abbaa isaa Obbo Aadam Sa’idii fi haadha isaa Aadde Amiinaa Abdullaahii Siyyoo irraa dhalate. Barumsa isaas achumatti akka eegale seenaan isaa ni hima.
Ogummaa Aartiin kennaa uumamaa kan qabu Art.Ibraahim Aadam, magaalaa D.Dhawaatti hojiin maxxansa muuziqaa Oromoo yeroo eegalutti gara D.Dhawaa imalee wellisaa gameessa Art.Alii Shabboo Waddoo waliin walquunnamuun shaakala muuziqaa akka eegalee fi bara 1985tti albama isaa jalqabaa mana muuziqaa Imbiltaa jedhamutti akka gadi lakkise seenaan isaa ni mul’isa.
Bara 1991 yeroo mootummaan Dargii kufee sirni mootummaa Wayyaanee/EPRDF aangoo qabatuun cunqursaa fi roorroo ummata Oromoo irratti itti fufetti, qabsa’aa Oromoo Art.Ibraahim Aadam, maatii isaa osoo hin caalsifatin ilmaan isaa haadha irratti gatuun WBOtti makamee Godina Bahaa jalatti naannawa Fadisii fi Gaara Mul’ataatti ramadamee bilisummaa fi mirga saba isaaf falmaa ture.
Bara 1998 keessa jireenya idileetti deebi’uuf yaalus, rorroo fi hacuuccaan ummata isaa irra gahu daran hammaatuun boqonnaa waan isa dhorkeef, oguma isaa qabsoo karaa Aartiin itti fufe. Bara 2005 keessa yeroo ukkaamsaan jabaa ture sanatti sirba warraaqsaa kilippii jalqabaa ta’e “…Oromummaa keenya irraanfannee…Tokkummaa dhabaan biyyaa baanee…Faffacaanee…” jechuun wellisee, furmaatni tokkummaan falmachuu qofa akka ta’e Oromoof dhaamuun qabsoof kakaasaa ture.
Sab-boonaa qabsa’aa Oromoo Art.Ibraahim Aadam, ejjennaa fi jabina kaayyoo saba isaaf qabu irraa mootummaan wayyaanee qabee hidhuudhaan gidirsaa fi miidhaa irraan gahaa akka tures seenaan isaa ni agarsiisa.
Bilisummaa fi kabajamuu mirga ummata isaatiif qabsa’aa fi gatiis itti baasaa kan ture qabsa’aa gameessi Art.Ibraahim Aadam, keessumaa waggoottan shanan darban kana keessa gargaarsaa fi waldhaansa ga’aa tokko malee dhibee Nerviitiin waldhaansoo qabaa erga tureen booda, irraa bayyaannachuu dadhabuun Adoolessa 13, 2023 guyyaa kaleessaa magaalaa Hararitti kan argamu Hospitaala Jogolaatti du’aan addunyaa kana irraa darbe.
Art.Ibraahim Aadam abbaa ilmaan afurii yoo ta’u, ilma dhiiraa tokkoo fi dubra sadii qaba.
Addi Bilisummaa Oromoo-ABOn du’aan boqotuu qabsa’aa gameessa Wellisaa Ibraahim Aadamitti gadda itti dhaga’ame ibsataa, maatii, firootaa fi waliigala ummata Oromoof jajjabina hawwa.
Aadaan walgargaaruu, wal iyyaafachuu, walbira dhaabbachuu fi yeroo dhukkubaa walbira dhaabbatanii wal waldhaannachuu Oromoo keessatti iddoo qabu akka hin laaffannee fi jabaatee itti fufu ABOn hireema kanaan yaadachiisa.
Qabsa’aan Ni Kufa, Qabsoon Itti Fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 14, 2023
Finfinnee
All reactions:

Dula Dhugassa Abdissa, Soolan Abdii and 41 others

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *