Murni pp ammas hidhaa Miseensota ABO irratti jabeessee itti fufuun ilmaan Oromoo hidhaa jira.
Adoolessa 16/2023
Mootummaan Impaayera Itiyoophiyaa Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo adamsuun hidhuu itti fufee jira.
Haala kanaan nama Dabaluu Damee jedhamu miseensa ABO Magaala Shaggaar jiraatuu fi dirqama dhaaba isaa karaa seerri biyyittii eeyyamuufiin bahataa jiruย Guyyaa kaleessaa jechuun Adoleessa 15/2023 Finfinnee keessatti qabamuun yeroo ammaa mana hidhaa Caffee Annaniitti(Meeksikoo) hidhamee jiraachuu dhagahame.
Mootummaan Impaayera Itiyoophiyaan supha jedhee ilmaan Oromoo sabboontota hidhuun dararaaf saaxilaa garii immoo ajjeesuun boolla keessatti gataa fi qonnaan bultoota Oromoo immoo qabeenyaa isaanii barbadeessaa jira.
Hoggantoota ABO 8 himata tokko malee waggoota 3 oliif manneen hidhaa adda addaa keessatti hidhamanii dararamaa jiran malee miseensotni ABO golee Oromiyaa adda addaa keessatti dirqama dhaabichaa of irraa qaban dabalatee deeggartootni dhaabichaa humnoota waraanaa murna ppn ergamaniin hidhamanii dararamaa jiru.