Pirofeesar Yoonas Gadaa badhaasa ‘Alzaaymar’ 2022 injifatan.
(SQ-Adoolessa 15,2022)
Dhalataa Oromoo kan ta’an Ogeessi ‘Niwuroo Saayikaatiristi’ Pirofeesar Yoonas Gadaa badhaasa Alzaaymar (Alzheimer Award) kan bara Faranjootaa 2022 injifataniiru.
Barruun dhukkubootaa Alzaayimar jedhamuu kan sadarkaa idil addunyaatti qophaa’u hojii qorannoo fi qo’annoo waggaa Alzaayimarii yookaan dhibee irraanfachurratti, qorannoon Pirofeesar Yoonaas Gadaa dhiyeessan olaanaa ta’uun injifataa badhaasichaa ta’aniiru.
Qo’annicha Dooktar Janina Keel Roosh waliin ta’uun kan qopheessan Pirofeesar Yoonaas Gadaa, digirii jalqabaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa Muummee Meediisiniin kan eebbifaman yoo ta’u, waggootaa 25’f Ameerikaattii tajaajilaa turaniiru.
Yuunivarsiitii Aariizoonaarraas gulantaa pirofeesarummaa argachuu ibsameera.
Qorattootaa qo’annoo filatameef badhaasni meedaaliyaa Meetii fi Doolara kuma 7 akka kennamuu himameera. Sirni badhaasa kunis Hagayya keessa ni gaggeeffama jedhame.