Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa mana uummaata nagaa hedduu abiddaan barbadeessan.
(SQ-Adoolessa 15,2022)
Mootummaan Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo dhumaaf balleessuu jedhuun waraana isaa kutaalee Oromiyaa hunda keessa raabsuun, ajjeecha, hidhafi qabeenya uummata Oromoo barbadeessuu irratti argama.
Haaluma kanaan Adoolessa 13/2022 Godina Shawaa Lixaa aanaa Jibaat ganda Gamoo Jibaat keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa mana uummataa nagaa hedduu abiddaan barbadeessuun qabeenya uummataa saamaa turuu maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti manneen gubatan keessaa kan maqaan adda ba’e, mana Obbo Biraanuu Nagaasaa yoo ta’u, Obbo Biraanuun siyaasaa keessaa qooda qabaatanii osoo hin taane, ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun mana isaanii qabeenya guutuu waliin barbadeessan jedhu.
Jiraattonni manaa fi qabeenyi isaanii jala gubate, Waktii gannaa kanaan waan keessa jiraatan dhabuun haala rakkisaa keessatti argamuus odeeffanneerra.