“Barattoonni waggaa 15 kutaa 5ffaa baratan lama mana barnootaatii wayita bahan butamanii akka yuunifoormii isaanii uffatanii jiran dabalatee kanneen sammuun dhabame ukkaamsamanii RIBtyi akka makaman humnaan taasifamaa jiru” KMNI

Naannoo Oromiyaa keessatti qaamoleen nageenyaa daa’imman dabalatee dargaggoota hedduu humna waraanaatti makamtu jechuun humnaan ukkaamsuu isaanii Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa beeksise.

Komishiniichi ibsa Kamisa Mudde 05,2024 baseen, aanga’oonni wayita Maatiin daa’immanii fi namoota ulaagaa qacarrii Raayyaa Ittisa Biyyaatin ala humnaan ukkamfaman baasuuf yaalanitti maallaqa guddaa akka kaffalan dirqisiisuu isaanii ragaa argachuu ibseera.

Bakkeewwan Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa hordofuu eere keessaa tokko kan taate Shashemene keessatti dargaggoonni umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’an “leenjii waraanaa fudhattu.”jechuun bakka tursiistatti galfamuu isaaniis mirkaneessee jira.

Namoota 32 magaalaa Shaashamannee Aanaa Hallelutti bakka tursiisaa keessa turan keessaa 14 umriin isaanii waggaa 15 hanga 16 yoo ta’u isaan keessaa tokko waggaa 11 ture.

“Barattoonni waggaa 15 kutaa 5ffaa baratan lama mana barnootaatii wayita bahan butamanii akka yuunifoormii isaanii uffatanitti bakka tursiisaa kana erga galanii torban lama lakkoofsisaniiru” jedhe

Wiirtuudhuma kana keessatti namoonni umriin isaanii waggaa 18 ol ta’an 13 hayyama isaanii malee poolisii fi miseensonni milishaan to’annoo jala oolchanii torbee tokkoo ol wiirtuu tursiisaa keessa turanii bahuu akka hin dandeenye himuu gabaasichi eerera.

Namni dhuunfaa ilman isaaf irbaata bituuf bahee milishaan butamee fudhatame dabalatee namoonni hojii irraa wayita deebi’anii hidhamanii fi bakka tursiisaa adda addaatti galfaman Komishiinichaaf ragaa isaanii kennaniiru.

“Erga miseensonni milishaa naannichaa tokko tokko dargaggoota miseensa raayyaa ittisa biyyaaf leenjitu jechuun to’annaa jala oolchanii booda, gadi dhiisudhaaf maatiin isaanii maallaqa akka kaffalanii gadidhiisan dirqisiisfamuu mirkaneessee jira” jedhe KMNI.

Akka gabaasaa KMNItti Keessattuu gochi dargaggoota qabanii maallaqa kanfalchiisanii gadlakkisuu Adaamaa fi naannawa ishee keessatti bal’inaan mul’achuu mirkaneeffachuu gabaasni Komishinichaa kun kan eeru.

Haati daa’ima ganna 15 ukkaamfame akka himtetti, magaalaa Adaamaa ganda Angaatuu keessatti kanneen milishootaan mana kuusaa midhaanii keessatti hidhaman keessaa irra caalan isaanii maatiin Birrii kuma 20 hanga kuma 100 akka kaffalan gaafatamaniiru.

“Qaamoleen bulchiinsaa fi nageenyaa mootummaa naannichaa, kanneen seeraan ala daa’imman dabalatee namoota ukkaamsanii maallaqa akka kaffalan dirqisiisan, qorannoo gadi fageenyaan gaggeeffamuun itti gaafatamuu qabu,” jechuun Komishiinin mirgoota namoomaa kun gabaasa keessatti ibseera.

Oromiyaa naannolee adda addaatti bulchiinsi naannichaa fi humni nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf bobbaasaa jirra jechuun daa’imman dabalatee namoota humnaan ukkaamsan waraanaaf leenjisan fakkeessanii maallaqa kaffalanii akka ba’an dirqisiisanii akka turan yaadni erga qaqqabee booda Komishinichii gara qorannootti akka seenes KMNI ibseera.

Odeeffannoo sana booda Komishiinichi Magaalota akka Adaamaa, Bishooftuu, Jimmaa fi Shaashamannee keessatti bakka tursiisa keessa jiran daawwachuu isaa akeeke. Gabaasni kun kan qindaa’ees namoota bakka tursiisaa keessa jiran, maatii, akkasumas dhaabbilee milishaa fi poolisii, naannoo irraa kaasee hanga caasaa gandatti jiran waliin mari’achuun akka ta’e ibsameera

Biiroo bulchiinsaa fi nageenyaa naannichaa akkasumas qondaaltonni mootummaa magaalota Jimmaa fi Shaashamanne rakkoo kana amananii jiru jechuun qondaaltota gabaasaa kana keessatti eeruu Komishiinichi kan ibse.

Gabaasadhuma kana keessatti Komishiinichi hooggantoota naannichaa waliin ta’uun daa’immanii fi dhukkubsattoota sammuu hedduu rayyaa Ittisa biyyatti makamtu jedhamuun humnaan ukkaamfamanii bakka tursiisaa keessatti hidhaman hiiksisuu danda’uu ibseera.

Marii hoggantoota mootummaa magaalota Jimmaa fi Shaashamannee waliin taasisaniin daa’imman 8 fi dhukkubsataa sammuu 1 dabalatee namoota 36 ol seeraa fi ulaagaa raayyaan ittisa biyyaatiin ala ukkaamfamanii turan gadi lakkisisuu danda’uu Komishiinichi gabaasa kana keessatti eereera.

“Qacarriin miseensota raayyaa Ittisaa naannoo Oromiyaattis ta’ee naannolee birootti tola ooltummaa fi ulaagaa raayyaan ittisa biyyaa kaa’een ta’uu utuu qabu humnaan ukkamsuu fi daa’immaan hala kanaan dararuun heera biyyattinis ta’e mirga namoomaa idil-addunyaa irratti tumame kan sarbuu ta’uu Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kun gaabasa isaan hubachiisera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *