Dhaabbanni mootummaa Tiraamp fi Elon Mask irratti xiyyeeffate USAID maali?

Elon Mask USAID dhaabbata yakkaa “du’uu” qabu jedheera. Leelliftoonni akka jedhanitti, furtuu ijoo US dhiibbaa guddaa uumu tahe kun, yoo barbadaa’e, “salphaatti deebi’ee ijaaramuu kan hin dandeenye dha” jedhan.

Bulchiinsi Traamp, dhaabbata waggoota kurnan lamaan darbaniif sagantaa gargaarsa alaa addunyaa guutuutti gaggeessuuf itti gaafatamummaa qabu, U.S. Agency for International Development, duula mootummaa federaalaa irra deebi’ee tolchuuf godhu keessatti isa duraa taasiseera.

Prezidaant Doonaald Tiraamp gargaarsi biyya alaa guyyoota 90f akka dhaabbatu erga ajajanii torban tokko booda, bulchiinsi isaanii qondaaltota nageenyaa olaanoo USAID lama bakka bu’oota “Department of Government Efficiency” Elon Mask’f bakkawwan daangeffame dhaabbaticha keessatti, akka argatan gochuu erga didanii booda aangoo irraa kaase jechuun Washington post gabaaseera.

Mask Wiixata darbe gara X bahee USAID “dhaabbata yakkamaa” jechuun maqaa dhahuun akka du’u gaafate. Wiixata waaree booda irraa eegalee marsariitiin dhaabbatichaa si’aawaa miti.

▶️Waa’ee USAID fi hojii isaa wanti beekuu qabdan kunooti:

USAID biyyoota biroof gargaarsa namoomaa fi misoomaa kan kennu yoo ta’u, adda durummaan maallaqa dhaabbilee miti mootummaa, mootummoota biyya alaa fi dhaabbilee idil-addunyaa, ykn dhaabbilee U.S. biroof kennudha akka Tajaajilli Qorannoo Kongireesii (CRS) ibsutti.

Bara baajataa 2023tti USAID ramaddii doolaara biiliyoona 40 ol — akka galmee federaalaatti baajata federaalaa keessaa dhibbeentaa 1 gadi — gara biyyoota 130f kenname ibseera.

Maallaqa USAID kan argatan keessaa Yukireen, Itiyoophiyaa, Joordaan, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo fi Somaaliyaa kan dabalatudha.

Namoonni 10,000 ol USAID keessatti kan hojjetan yoo ta’u, isaan keessaa gara harka sadii keessaa lama biyya alaa tajaajilu jedha CRS.

Pirojektoonni USAID’s naannolee Sudaan keessatti hongeen miidhamaniif gargaarsa kennuu, ijoollee mana barumsaa Yukireen keessatti buqqa’aniif kitaaba barnootaa kennuu fi hojjettoota fayyaa Ruwaandaa keessatti leenjisuu kan dabalatu ta’uu marsariitiin isaa  ni mul’isa.

USAID bara 1961 Pirezidaantii Joon F. Keeneedii jalatti karaa seera gargaarsa biyya alaatiin kan hundeeffame yoo ta’u, kunis sagantaalee jiran hedduu dhaabbata haaraa kana jalatti kan fidedha.

Mootummaan U.S. gargaarsa misooma idil-addunyaa irratti mala bara 1940moota keessa Karoora Maarshaal jedhamuun kan mul’ate yoo ta’u, kunis biyyoonni Awurooppaa Waraana Addunyaa Lammaffaa booda naannicha deebisanii ijaaruu fi tasgabbeessuuf gargaarsa kan kenne ta’uu marsariitii USAID’s archived version ni mul’isa. Waggoota kurnan itti aananiif USAIDn misooma fayyaa fi barnootaa deeggaruun mootummoota dimokiraatawaa fi gabaa bilisaa guddisuuf gargaarsa dabalataa kennuutti ce’e.

Sagantaan fayyaa jalqaba bara 1990moota irraa eegalee maallaqaan damee USAID isa guddaa ta’ee jira, bara 2004tti tattaaffii Ministeerri Dhimma Alaa U.S. HIV/AIDS ittisuuf godhe irraa doolaara biliyoonaan lakkaa’amuun jabaate jedha CRS. Fayyaan pirojektoota USAID karaa weerara covid-19 ol’aantummaa qabaachuu itti fufe, hanga bara 2022tti gargaarsa namoomaa akka damee guddichaatti, bara 2023tti ammoo gargaarsa bulchiinsaatiin, bu’aa deeggarsa U.S. Yukireenif goote illee ni jira .

Leelliftoota isaatiif USAID harka imaammata alaa U.S. kan fedhii gaarii Ameerikaa agarsiisu, naannoo balaa tasgabbeessuu fi daldala idil-addunyaatiif gabaa haaraa banu kan hin hafnedha.

“Meeshaalee nageenya biyyaalessaa waggoota 60 oliif hojjetamedha,” jechuun pirezidaantiin garee gargaarsaa Refugees International kan maallaqa U.S Jeremy Konyndyk The Post’tti himaniiru. “Yoo diigame immoo salphaatti deebi’ee ijaaramuu hin danda’u.” Jedhan.

Bulchiinsi Traamp baasii mootummaa hir’isuu fi mootummaa federaalaa keessatti dhiita’uu jedhamee yaadamu dhabamsiisuu galma olaanaa kan taasise yoo ta’u, gargaarsi biyya alaa ifatti ija isaa keessa jira. Mask baasii federaalaa doolaara tiriliyoona 2 hir’isuuf dhaadatee ture.

Michoonni Tiraamp — irra caalaan isaanii Musk, dilbata darbe maxxansa X Twitter ta’een — hojii USAID malaammaltummaa, qisaasama fi left wing jechuunis irratti duulaniiru. Ministeerri Dhimma Alaa torban darbe sagantaalee gargaarsa biyya alaa hunda gamaaggamuu fi baasii “ajandaa Ameerikaa Duraa” waliin akka walsimu mirkaneessuuf dhaadateera.

Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu kennaniin gargaarsa misooma alaa U.S. guyyoota 90f akka dhorkan erga aangoo qabatanii booda.

Tarkaanfiin kun tarree Ministeera Dhimma Alaa fi USAID keessatti jeequmsa kan uume yoo ta’u, isaanis Karoora Hatattamaa Pirezidaantii Gargaarsa AIDS (PEPFAR) dabalatee pirojektoota yeroo dheeraaf turan akka dhaabbatan qajeelfama kennameef jechuun The Post gabaaseera.

Sen. Charles E. Schumer (D-New York) Jimaata darbe X irratti akka barreessetti tarkaanfiin USAID diiguuf godhamu kamiyyuu seeraan alaa ta’a. Xalayaa waliinii Jimaata darbe barreessaniin, Sens. Jeanne Shaheen (D-New Hampshire) fi Brian Schatz (D-Hawaii) fi Reps. Gregory W. Meeks (D-New York) fi Lois Frankel (D-Florida) akka barreessanitti, qorri kun gargaarsa anniisaa Yukireen balaadhaaf saaxilee mormitoota Ameerikaa kan akka Raashiyaa fi Chaayinaa gargaareera., jedhan

Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon sagantaalee “lubbuu baraaruu” kan akka PEPFAR bilisa ta’uu isaanii beeksisaniiru, garuu qondaaltonni gargaarsaa pirojektoonni biroo akka hin hafne fi yoo dhorkamuun maallaqaa itti fufe cufamuudhaaf saaxilamuu isaanii himaniiru jechuun The Post Dilbata gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *