Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Qacarrii haaraa dhaabuu beeksise.
Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa bahuu ishee erga beeksiftee booda, Daarektarri Olaanaa WHO Doktar Teediroos Adaanoomw dhaabbatichi qacarrii hunda akka addaan kutuu fi hojjettoonni isaa 8,000 ta’an imala barbaachisaa hin taane akka hin goone akka dhorkamu beeksisaniiru.
Walgahii idilee miseensota boordii hojii raawwachiiftuu dhaabbatichaa waliin har’a geggeeffameen, mariin kontiraaktaroota dhaabbaticha waliin waliigaltee mallatteessan waliinis ni gaggeeffama jechuun dhaabbati oduu Jarmanii (DPA) gabaaseera. Akkasumas marii kana keessatti hir’inni kaffaltii fooyya’aa qaamolee waliigaltee dhaabbaticha irraa fudhatan irraa akka argamu abdii qaban ibsaniiru.
Ameerikaan hanga ammaatti baajata dhaabbatichaa keessaa harka shan keessaa tokko uwwifteetti. Akkasumas yeroo isheen dhaabbaticha keessaa baatu baasii kana eenyu akka uwwisu ifa miti. Akka karoora Tiraampitti biyyi isaanii Amajji 22, 2026 irraa eegalee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa ni baati. Waggaa darbe Ameerikaan baajata dhaabbatichaa 2025 keessaa dhibbeentaa 18 uwwifteetti.
Akka istaatiksii dhaabbatichaatti, Waashingitan bara 2024tti Baajata sagantaa HIV fi Hepatitis barbaachisu keessaa dhibbeentaa 75; Baajata dhibee TBf kenname keessaa dhibbeentaa 61, biyyoota hiyyeeyyii keessatti ammoo sirna fayyaa cimsuuf dhibbantaa 29 ramaddee turte.
Amma gaaffiin guddaan yeroo Ameerikaan deemtu maallaqni barbaachisu eessaa dhufa?
Itiyoophiyaan bara 2024 keessa Maqaa gargaarsa USAID tiin qarshii doolara biliyoona 1.2 fudhattee turte.
Yeroo ammaa Traamp USAID yoo guutummaatti kan cufu tahe Biyyi akka Itiyoophiyaa gargaarsa USAID irraa argattuun waan baayyee cufattu akkam taati?Á