Addis Standard Lixa Oromiyaatti Qorannoo geeggeessen Hidhattoonni Amaaraa Dhalattoota Oromoo Irraan Miidhaa Ga’uu Mirkaneesse!
(SQ-Gurraandhala 24,2022)
Lixa Oromiyaatti Hidhattoonni Naannoo Amaaraa dhalattoota Oromoo jumlaan ajjeesaa, Kumaatamaan qe’eerraa buqqaasaa jiraachuu gabaasni qorannoo Addis Standard mirkaneesse.
Godinaalee Lixa Oromiyaa Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaatti Hidhattoonni Naannoo Amaaraa dhalattoota Oromoo Kumaatamaan lakkaa’aman Qe’ee isaaniirraa buqqisuu gabaasni qorannoo Addis Standard kun ni ifoomsa.
Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti Gurraandhala 12, 2022 Hidhattoonni Saba Amaaraa Daa’immanii fi Dubartoota dabalatee namoota 30 ajjeesuu ibsa gabaasni kun.
Gareen Milishaa Amaaraa Gurraandhala 12, 2022, Ganda Botoroo Booraa keessatti haleellaa ummata nagaa irratti bananiin namoonni 30 ta’an garee hidhatee socho’u kanaan ajjeefamuu fi manneen jiraattootaa 64 ta’an gubamuu ibse.
Guyyaa haleellaan kun raawwatame Shamarran garee milishaa Amaaraan booji’aman 10 hanga yoonaa achi buuteen isaanii kan hin baramin ta’uu ibsa gabaasni qorannoo kun.
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Limmuuttis haleellaan walfakkaatu irra deddeebiin raawwatamuu kan eeru gabaasichi, Aanichatti namoonni 50 caalan ibiddaa fi rasaasaan lubbuun isaanii darbuus jiraattota wabeeffachuun ibseera.
Aanaa Limmuutti kan argamtu magaalaan Ganda Fiixa Baqqoo, Hidhattoota Amaaraan barbadoofteetti jedha gabaasni kun. Gandichatti haleellaa gareen Milishaa Amaaraa torbanoota lama dura raawwateen, lubbuun namoota hedduu darbee, kan lubbuun hafan guutuutti magaalaa gadi lakkisanii lagatti galuu gabaasnee turre.
Aanaa Guutoo Giddaatti haleellaa gareen milishaa Amaaraa ummata irratti raawwatu kanaan, namoonni kuma 100 fi kuma 28 ta’an qe’ee ofiirraa buqqaafamuu ragaa qaama mootummaa wabeechuun kan eeru gabaasichi, Aanaalee Sibuu Siree fi Limmuuttis kumaatamni buqqaafamanii jiraachuu mirkaneesseera.
Haleellaan Milishaa Amaaraa itti fufuun Aanaalee Amuruu, Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Abee Dongoroo, Limmuu fi kanneen birootti guyyaa guyyaan lubbuun namaa darbaa, qabeenyi hawaasichaa saamamaafi manca’aa kan jiru wayita ta’u, lammiileen kuma dhibbootaan lakkaa’aman qe’ee ofiirraa buqqaafamuun dirreerra faca’anii argamu.
Haleellaa Milishaan Amaaraa bifa qindaa’een raawwataa jiru kana dhaabsisuuf tarkaanfiin qaama aangoorra jiruun fudhatamu tokkollee kan hin jirree ta’uufi, gochi raawwatamus beekamtii qaama mootummaan ta’uu ibsu miidhamtoonni.