Xoophiyaa dabalatee biyyoota waraanni jirutti sarbamni mirga maanguddootaa Dabalee jira jedhe Human Right Waatch
(SQ-Gurraandhala 24/2022)
Itoophiyaa dabalatee biyyoota waraanni keessa jiru keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa maanguddootarra gahu dabaluu jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu Huuman Raayitis Waach (HRW) mul’ise.
Akka gabaasa HRW Roobii baase jedhutti, Itoophiyaa keessatti walitti bu’insi hawaasaafi saboota gidduutti naannoolee gara garaa keessatti mudateen ajjeechaa, gubachuu qabeenyaafi qe’eerraa buqqa’uu dabalatee sarbamiinsi mirga namoomaa cimaa hawaasa naannoorraa gaheera.
Miidhaa walitti bu’insa kanaan qaqqabeen walqabatee ammoo sarbamuun mirgoota qaama hawaasaa umuriin isaanii deemee daran dabaluu gabaasi jaarmiyaa kanaa eeree jira.
Waraanni naannoo Tigraay keessatti adeemaa ture, akkasuma tasgabbii dhabiinsii naannoolee Oromiyaafi Beenishaangul Gumuzitti dhalate hordofuun tarkaanfii qaamoleen nageenyaa hidhattootarraatti wayita fudhatan miidhaan qaqqabus eerera
Huumaan Raayit Waach gabaasa isaa kana keessatti sadarkaa addunyaattillee namoonni umrii dullumaa keessa jiran lola keessatti saaxilamummaan balaaf qaban guddataa dhufuu agarsiiseera.
Huumaan Raayit Waach bara 2013-2021tti lola hidhannoo meeshaa waraanaatiin gaggeffamu keessatti, Itoophiyaa dabalatee biyyoota biroo keessattis miidhaa maanguddootarra qaqqabuu galmeessuu isaa ibse.
Biyyoonni kunneen Burkinaafaasoo, Afrikaa Giddugaleessaa, Maalii , Moozaambikii, Nagornoo Karbaak, Sudaan Kibbaa, Nijeer, Siriiyaa, Yuukireen, akkasuma Israa’eliifi lafa Paalistaayinaan qubannaaf to’atame jiru keessatti miidhaan maanguddootarra qaqqabuun eerameera.
Kutaalee addunyaa iddoowwan lolli gaggeeffamaa ture keessatti, humnoonni mootummaa, gareewwan hidhattootaa maanguddoota dullumaa keessa jiran haleeluufi sarbamiinsa mirgaa qaqqabsiisuu gabaasichi ni eera.
Burkinaafaasoofi Maalii keessatti hidhattoonni garee Islaamist jedhaman, qaamoleen nageenyaa mootummaafi hidhattonni gosaa namoota beekamoo dabalatee maanguddoota hedduu ajjeesan.
Sudaan Kibbaa keessattis maanguddoon umriin ganna 50 keessaa jiran tokko qaamoleen nageenyaa mootummaa bara 2019 wayita tarkaanfii hidhattootarratti fudhatanitti irra-deddeebiin gudeeduufi qabeenya isaanii saamuu fa’aa himataniiru.
Huumaan Raayit Waachitti qorattuun dhimma mirga maanguddoo gameettiin Birijit Isliip: “Maanguddoota lola keessatti ajjeechaa jumlaa, gudeedamuufi butamuu dabalatee miidhaaleen biroo irra ni qaqqaba,’’ jedhan.
Kanaafuu, mootummonniifi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii saaxilamummaa maanguddoonni balaaf qabaniirraa ka’uun deeggarsafi eegumsa gochuu qabaatu jette Birijit Isliip.
Qaamoleen lola keessatti qooda qaban miidhaa maanguddootarra qaqqabu goolabuun, sirumayyuu gargaarsi namoota dulluma keessa jiran akka qaqqabu haala mijeessuu qabu jechuun waamicha dhiyeesse HRW.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii eegumsi maanguddoota iddoo walitti bu’iinsaa keessa jiraniif akka mirkanaa’uuf gaafatera.
Maddi BBC