Iluu Abbaa Booraafi Gidaamiitti Waraanni Bilxiginnaa namoota 5 ajjeese.
(SQ- Mudde 29,2022)
Mudde 26, 2022 Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Daarimuutti Waraanni paartii Bilxiginnaa hidhamtoota siyaasa sadiiย mana hidha keessa baasuun bishaan Birbiritti darbachuu maddeen nuuf himan.
Namootni bishaanitti darbataman kun Baacaa Dassaaleny, Fu’aadoo Mohammed Jamaal fi Ahimeddiin Mohammed kan jedhaman yoo ta’u, badii tokko malee qabamanii hidhamuun yeroo dheeraatiif mana hidha keessatti hiraarfamaa ergaย turani booda haala sukkanneessaan bishaanitti darbaman jedhu.
Oduma walfakkaatun Mudde 22, 2022 Godina Qellem Wallaggaa Ona Gidaamiitti maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhun dargaggoo Yaadasaa Wadaajoo jedhamu waraanni Bilxiginnaa ajjeesuu maddeen SQtti himan.
Kana malees, achuma Gidaamitti Dargaggoo Hamzaa jedhamu kan mana Shayee namaatti qacaraamee hojjettu, badii tokko malee waraanni PPย rasaasaa itti roobsuun ajjeesan jedhu.
Oromiyaa guutuu keessatti saalaaf umuriin osoo hin dangeessiin Waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo ajjeesuu cimsee itti fufee jira.