Eertiraan tattaaffii nagaa Itoophiyaa keessatti taasifamu “gufachiisuu” itti fufteetti: jedhe Gamtaan Awurooppaa.
(SQ-Fulbaana 15,2022)
Gamtaan Awurooppaa (EU) ibsa kaleessa galgala baaseen, “haleellaan qilleensaa diroonii lamaan Fulbaana 14 magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqalee rukute ammas abdii Itoophiyaa keessatti nagaa buusuuf baay’ee dadhaboo ta’e balaadhaaf saaxiluu isaatin” akka gadde ibse.
Ibsi Gamtaan Awurooppaa baase kun Roobii, Fulbaana 14 ganama magaalaa Maqalleetti naannoo Dagim Amsaal jedhamutti haleellaa qilleensaa raawwatamu isaa hordofeeti.
Haleellaa qilleensaa diroonii lama raawwatameen lammiilee nagaa 10 ajjeesuu fi kanneen biroo 14 madaa’uu isaanii Daarektarri Olaanaa Hospitaala Waliigalaa Aydar fi Gargaaraa Pirofeesara Baqaqsanii Hodhuu Yuunivarsiitii Maqalee Kibroom Gabrasillaasee beeksiseera.
Haleellaa qilleensaa walfakkaataa Kibxata darbe raawwatameen sarara tamsaasa buufata TV Dimtsi Wayyaanee miidhamuu dhaabbatichi beeksiseera. Kana malees, miidhaa irra gaheen tamsaasa idilee isaa addaan kutuun gara istuudiyoo yerootti akka jijjiiramus akka dirqisiise ibseera.
Akkasumas haleellaa qilleensaa kan biraan Yuunivarsitii Maqalee mooraa Addi-Haaqii irratti miidhaa geessisuusaa Yuunivarsitichi beeksiseera. Mootummaan federaalaa haleellaa qilleensaa diroonii lamaan ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.