Magaalaa Naqamteetti humnoonni Waraana Mootummaa Bilxiginnaa sakkata’insa hamaa mana uummata irratti geeggeessa jiraachuun dhaga’ame.
(SQ-Guraandhala 3,2023)
Dhiha Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti Guraandhala 1,2023 irra eegaluun humnoonni Waraana Mootummaa paartii Bilxiginnaa uummata magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee irratti dararaa olaanaa geesisaa jiraachuu maddeen SQtti himan.
Roobii darbe jechuun guraandhala 1, 2023 ganama barii irraa eegaluun daandii keessa keessaa dabalatee bakkeewwan hedduutti waraqaa eenyummaa gaafachuun sakata’insa guddaa geeggeessu eegalan jedhu, kana malees kanneen waraqaa eenyumma irraanfatanii manaa ba’an immoo mana hidhaatti guuraa turan kan jedhan maddeen SQ guutuumaan magaalaa Naqamtee haala hamaa keessa jirti jedhu.
Ittuma fufuun kaleessa Guraandhala 2,2023 ammoo hayyaama mana murtii malee manneen jireenya uummata guutuu magaalaa Naqamtee keessa jiru sakata’aa turan jedhu meeshaa uummanni ittin mana isaa keessatti jiraatu hunda gadi diiguun sakata’insa hamaa gaggeessaa jiru kan jedhan maddeen keenya, uummanni magaalaa Naqamtee odeessa nuuf dhaamaniin.