Ameerikaan yeroo 3ffaaf ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa muudde.
(SQ-Waxabajjii 2,2022)
Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan akka beeksisanitti, Gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabuun siyaasaa raasaa jirutti ergamaa addaa akka ta’aniif kan muudan. Ambaasaadddar Maayik Hamer jedhameera.
Ji’oota shanan darbaniif ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa ta’uun tajaajilaa kan turan Ambaasaaddar Deeviid Saaterfiild aangoo isaanii dabarsanii kennuuf qopha’aa jiraachuun isaaniis ibsaniiru.
Bilinkan muudamni ergamaa haaraa Hamer, kutannoo Ameerikaan gama dippilomaasii naannawaa Gaanfa Afrikaatti bahachaa jirtu akeeka jedhan.
”Itoophiyaa keessatti adeemsa siyaasaa hunda hirmaachise gara nagaa, tasgabbiifi lammileen hunda gara badhaadhinaatti geessu,” dhimma xiyyeeffannoon itti kennamu ta’uu isaa dubbataniiru Biliinkan.
Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa ta’uun haaraa kan muudaman Maayik Hamer, Dimokiraatik Rippablik Koongoo – DRC fi Chilee keessatti ambaasaaddara Ameerikaa ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, Isteet Dippaartimantiifi Waayit Hawus keessattis itti-gaafatamummaa gara garaa irratti tajaajilaniiru.
Ameerikaan waraanni Kaaba Itoophiyaatti akkuma jalqabeen ji’oota muraasa keessatti yaaliin jalqaba miseensa mana-maree kan ta’an Kiriis Kuuns erguun eegalte, yeroo waggaa lama hin guutne keessatti ambaasaaddaroonni buleeyyii sadii wal harkaa fuudhaniiru.
Maddi -BBC!