“Hongeen Booranaatti mudate beelaa fi hanqina nyaataa daa’immanii akka dabalu taasisaa jira” jedha UNICEF.
(SQ-Bitootessa 19,2023)
Sababa hongee naannoo Oromiyaa, godina Booranaa keessatti mudateen daa’imman hedduu beelaa fi hanqina nyaataaf saaxilamaa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Fandii Atattamaa Daa’immanii (UNICEF) beeksiseera.
Daa’imman hanqina nyaataa hamaaf saaxilaman gara hospitaala fayyaatti geeffamaa jiraachu ibse.Waggoota sadan darbaniif godina Booranaatti hongeen daa’immanii fi maatii isaanii irratti miidhaa hamaa geessiseera. Hanqinni nyaataa fi bishaanii namoota kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii akka dhiisan dirqisiiseera.
Akka gabaasa madaallii ariifachiisaa ejensii godinichaatti hanqinni nyaata horii fi bishaanii Booranatti beeylada miiliyoona 3.3 ol akka du’aniif sababa ta’eera.
Gabaasni kun akka agarsiisutti, ummata miliyoona 1.7 keessaa walakkaa ol gargaarsa nyaataa barbaadu.Hawaasni horsiisee bulaa yeroo kaan of danda’uu fi namoota biroo sooruu danda’u, yeroo ammaa gargaarsa irratti hirkataa jira.
Maatiin nyaata dhabaa jira, hanqinni nyaataa dabalaa jira, warri tokko tokko daa’imman isaanii du’uu irraa baraaruuf gara buufata fayyaatti ariifachaa jiru.
Hospitaalli Yaa’aballoo yeroo ammaa daa’imman kunuunsa barbaadaniin guutamee jira. Hanqina nyaataa cimaan erga laafanii booda, amma baay’een isaanii dhiibbaa dhukkuboota daa’immanii beekamoo ta’an kanneen akka dhibee garaachaa, busaa, sombaa fi kkf daran saaxilamoo ta’aniiru.
UNICEF, maallaqa arjummaa USAID, Sagantaa nyaata Addunyaafi Gamtaa Awurooppaa irraa argateen, akkasumas qindoomina aanga’oota Naannoo, Mootummaa Itoophiyaa fi michoota biroo waliin ta’uun, dhiyeessii akka nyaata wal’aansaa itti fayyadamuuf qophaa’e, aannan wal’aansaa fi qoricha geessuun deebii kennuudhaaf carraaqqii isaa guddifachaa jiraachuu ibse. Akkasumas hojjettoota fayyaa guutuu naannichaa keessatti hanqina nyaataa cimaa ittisuu, adda baasuu fi yaaluuf leenjisaa jiraachuus beeksiseera.