Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti seerri si hoogganu akka gaariitti jiraata

Milkaa’insa Qabsoo Bilisummaa Oromootiif kanneen gufuu ta’an heedduun jiraatanis, gabaabsee akka armaan gadii kanatti katabuun fedhii kooti.

1) Gantummaa: Gantummaan hundeeffama jaarmayaa Oromoo irraa eegalee hanga har’aatti takkaafuu hin dhaabbanne. Gantuun dhaaba keessa lootee galuun icciitii dhaabaa fi qabsaa’otaa diinaaf dabarsitee kennuun dhaaba bittinneessuuf yaalaa, qabsaa’ota heedduus diinaaf dabarsitee kennaa turte. Duraan qabsaa’aa fakkaachuun waan qabsoon gaafattu mara erga gootee booda, rakkina xiqqoo uumamtuuf harka kennuun yokaan ammoo faayidaa bubuutuu bicuun sossobamtee dantaa saba guddaa fi imaanaa dhaabaa gurgurattee diinatti godaanti. Waadaa fi irbuu jaallanii hunda gantee diinaaf waardiyyaa taati. Qabsoo ganteeyyuu hin dhiistu, diina waliin hiriirtee Oromoo irratti gochaa hammeenyaa raawwatti. Gantoonni kunneen dhaaba gananii bahan irratti olola oofuun yokaan dhaaba biraa hundeeffatu ( kan duraanii sirrii miti jedhanii xureessuun) yookaan ammoo dhaaba diinaatti makamu. Adda Bilisummaa Oromoo caalaa kan eelaa Oromoo beekuu fi rakkoo uummatichaa irratti bu’uureffate hin jiru. Garuu gantummaan dhaabicha keessa jiru sakaallaa heeddummeessuun qabsoo nurra bubbulcheera.

Gantummaan Qabsoo guutummaa guutuutti hojiin ala godhuu baatus, sakaallaa guddaa dhaabaa fi qabsaa’ota haqaa irratti taasisa. Wal amantaa laaffisa. Icciitii laamshessa. Ejjennoo huuqqisa.

2) Seera-dhablummaa: ABOn qabsoo roog-qeenxee hin gaggeessu. Gama maraan: siyaasa, dinagdee, hawaasummaa fi kkf irratti fuulleffachuun hojjeta. Seer-dhablummaan roga maraa ammas heedduudha. Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti seerri si hoogganu akka gaariitti jiraata. Waraanni Bilisummaa Oromoo seeraa fi dambii dhaabaa bu’uureffachuun haala bobbaa isaa ni qaba. Qeerroon Bilisummaa Oromoos akkasuma. Birkiileen dhaaba jala jiran martuu seera oorbiitii isaaniirratti isaan eegu sirriitti qabu. Kun ta’ee osoo jiruu namoonni heedduun karaa Seera hin eegneen wayita birkii isaaniin ala bahanii kan biraa borcan argina. Hojii wal tumsu hojjechuun akkuma jirutti ta’ee, dhimmoonni hundi kan nu hin ilaallanne akka jiranis beekuun barbaachisaadha. Dhimmi dhaabaa Hayyu Duree dhaabichaa. Dhimmi WBO Qondaala Waraanaa Ol’aanaa. Dhimmi Qeerroo hogganoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan ilaallatudha.

Faallaa kanaa deemuun baroota heedduuf gita hojii keenyaan ala deemuun walirratti ka’insi, mufii fi burjaajjiin heedduun uumameera. Naamusa dhaabaa cabsuun seer-dhablummaan babal’atee diigumsatti nu geessa yoona gahe. Dhugaan jiru garuu hangam yoo ifaajiin godhameyyuu ABOn akkaataa diigamuu hin dandeenyetti bu’uureffamuun adda isa godha. Kunis roorroo sabichaa irraa waan maddeef, ABOn hanga roorroon saba Oromoo jiru innis darbeema jiraata!

3) Gar-lamummaa: Gar-lamummaan kan dhufu waan lama jaallachuu irraati. Qabsoon Bilisummaa Oromoo galma gahuuf garuu tokko jaallachuu fi tokko jibbuun dirqama.
-Yookaan jireenya qananii yokaan jireenya gadadoo;
-Yookaan jireenya beekamtii yokaan jireenya of qabuu fi of qusachuu;
-Yookaan jireenya ofummaa gaggeeffachuu yookaan kan sabaa dursiifachuu;
.
.
.
Namoonni heedduun fedhii daangaa hin qabne qabaachuu irraa kan ka’e dhaaba keessa ta’anii hojii gar-lamaa hojjetu. Asii sabaafin qabsaa’a jechaa, achiin hojii basaasaa hojjechuun aangoo yokaan ammoo qarshii argachuu. Asii sabaafin qabsaa’a jechaa, achiin hojimaata dhaabaan ala hojjechuu fi socho’uu. Heedduudha. Dubbiin ammoo, “adamsituun lama haritu, tokkoyyuu hin ajjeefattuu” dha!

Gar-Lama –hojii heera dhaabaa fi hojii faallaa heera dhaabaa.

4) Itti fayyadama miidiyaa wallaaluu: Miidiyaan gaarummaa heedduu akkuma qabu, itti fayyadama isaa wallaallaan ammoo miidhaan isaas cimaadha. Miidiyaan namoota maraan daawwatama. Firris ta’e, diinni ni ilaala.

Maaltu miidiyaan darbuu, barraa’uu fi deddeemsifamuu akka qabu yoo hin hubanne, hangam Qabsoo goonus hojichi fashalaa deema. Hanga ammaatti yoo ilaalle icciitiin heedduun gama miidiyaatiin, keessattuu miidiyaa haawasummaa (social media) tiin nu jalaa harka diinaa galeera.

Icciitii qabsaa’otni Oromoo tourch ta’aniiyyuu hin dubbanne heedduutu miidiyaan saaxilama. Kunis karaa eenyummeessaa ofii sirriitti to’achuu dhabuu fi waan argan mara miidiyaa irratti balballoomsuunidha.

Waan tokko dubbachuun dura Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan gahuu irratti dhiibbaa akkamii akka qabaatu tilmaamuun ba’eessa. Yeroo heedduu icciitii WBO gama miidiyaan dubbachuu, wal hubachuu dhabuun tokko tokko wayita jiraatu, qilleensa galchuun dhimmichi qaamaa fi nama hin ilaallanne bira akka dhaqqabu gochuun ni mul’ata.

Rakkoon kamuu nama irraa madduu fi nama bira gahee dhaabbatu qaba. Nama hundarraa hin maddu. Nama hunda birattis hin goolabamu.

Miidiyaan haawasummaa kun faayidaaf osoo abdannuu miidhaa hammaataa nurratti fideera. Keessumattuu olola walirratti oofuu, maqaa wal balleessuu fi diigamsa heedduu dhale. Kunis itti fayyadama wallaaluudhaani. Nuti akkaataa mataa keenyatti ilaallee waan tokko haa dubbannuyyuu/barreessinuyyuu malee, qaamni dhimma Oromoo diiguu irratti hojjetu ammoo daandii mataasaatti deebisuun uummata hin beekne gara balleessa jechuudha.

Keessumattuu saba hangana guddatu keessatti itti fayyadamni miidiyaa xiyyeeffannoo barbaada. Yoo uummata kana waan ijaaru irratti hojjenne, diinni salphaatti hin diigu. Yoo waan diigamsaa irratti hojjenne ammoo, deebisanii ijaaruun yeroo baay’ee dheera nutti fudhata. Kun kan ta’eef baay’ina uummatichaa irraa kan ka’edha.

5) Kaayyoo jalatti hiriiruu fi gurmaa’uu dhabuu: Qabsoon Bilisummaa Oromoo kaayyoodha. Kaayyoon xumuramnaan qabsichis akkasuma. Namoonni harki caalaan ija isaanii Kaayyoo osoo hin taane namarra kaa’atu. Kun ammoo galma gahuu dhabuu fi kufaatii fida. Nama jaalachuun osoo jiruu, nama amanuun garuu gaarii miti. Maalummaan nama jaarraa ammaa kun salphaatti bira hin ga’amu. Har’a yoo fedhe nama boor ammoo bineensa. Takka akka Ameebaa boca jijjiirrata. Takkaa ammoo akka Gaararraatti bifa gegedderata. Wayita kana garuu kaayyoo qofatu bakka isaa jiraata.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn gaggeeffamu keessatti rakkoon uummata kanaa nama irratti abdachuu fi nama afaan ho’u ykn baay’ee dubbatu jala fiiguudha.
Kanatuu gaafa namichi iddoo tokkotti qabamu, sabichas wajjiin qabee dhaaba. Yoo nama jala hiriirre, namichi hidhamuu mala. Wayita kana nutis fala dhabna. Tarii ammoo ni wareegama. Wayita kana nutis deemsa dhaabna. Yokaan ammoo faayidaa wayii argatee daandii walakkaatti nu dhiisee deema.

ABOn kaayyoodha. Namni ABO tokko: yoo du’e/maqe/hidhame,… Nama ABO isa kan birootu Kaayyoo ABO sanatti cicha. Jaarmayaan waan hundaa waan qabuuf nama caalaa isatuu hundee jabaataa fi bu’uura galma gahu qaba jechuudha.

6) Nuffa: Nuffi yeroo heedduu daandiirraa nu maqsa yokaan of duuba miil’annaa fida. Keessattuu Qabsoo saba Oromoo isa gar-malee dheeraa fi ulfaataa kana keessatti obsi, cichoominnii fi jabinni heedduu barbaachisaadha. Daandiin gabaabaan yokaan imalli qaxxaamuraa kufaatii yoo ta’een ala galma gahiinsaa fi fiixaan bahuma homaatuu hin qabu.

Mammaaksa Oromoo “Kofoon osoo fiiganii hidhatan osoo fiiganii buha” jedhan sana qalbeeffachuun gaariidha. Qabsoon fiigichaan nafa-nafa galma hin geessu. Itti yaadamee irraa jalaan sirrata. Qabsoon keenya akka biqiltuutti, biqilee-baala baasee-damee godhatee-daraaree-quncucee-ija/firii godhatee- nyaataaf qophaa’a.

Qabsoonis akkasuma! Beelaa fi dheebuu, rakkoo fi gidiraa hanga du’a lubbuuttidha. Amma sadarkaa gaariirra jirrullee qabsaa’otni keenya warri duraanii waan nyaatanillee dhabanii hanqa kophee isaanii baqsanii nyaatan irra gahaniiru. Hanga biyyoo fi hidda mukaa nyaachuu, dheebotanii hanga fincaan ofii dhuguu! “Dararaa dheeraa booda, daraaraa harkaan qabatuu” inni jedhamus kanuma!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *