Manni Amantaa sinodosii Oromiyaa fi sabaaf sablammoota Oromiyaa marii godhe

 

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyophiyaatti Biyya Lallabaa G/Shawaa Lixaatti hordooftooni amantichaa Marii taa’aan.

Marii isaniinis mana amaantaa kana keessatti afaan oromootiin waaqeffachuun isaanii mirga dimookirasii fi lammumma isaanii kabajamuu kan agarsiisu akka ta’e himan.

Rakkoolee Kanaan duraa mana amantaa kana keessatti mullaatan keessa afaan ifiitiin waaqefachaa waan hintiurreef Amantichuma itti siqanii baruu keessatti rakkoo akka ture himan.

Kana irraa kan ka’e hordoftonni Amantichaa hedduun baqachaa akka turan dubbatan .

Amma garu Afaan keenyaan waan waaqeffataa jirruuf Ergaa waaqayyoo Afaan keenyaan darbaa jiru dhaggee fachuu ,hubachuu fi ofittio qabnee akka fudhanu nutaasiseera jedhan.

Kana kan fide Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaattii Sinoodosii Oromiyaa fi Sabafi sablamoota waan ta’eef murtoo isaa kan deeggaranii fi kan gargaaran ta’uu walii galan.

Hordoftoonni kunniin Ibsa ejjannoo baafachuun marii isaaniii goolabaniiru.

Ibsa ejjannoo isaanii keessaas Murtoon abboota keenyaan gaafa guyyaa Amajjii,14/2015 Eebbifamoo Abuna Saawuroos, Ewusxaatiyoosii fi Zeenaa Maarqosiin fudhatame mana amantaa fi amantoota ortodoksii balaa irraa kan baraaru waan ta’eef nideeggarraa.
Murtoon isaanii walqixxummaa fi haqummaa tajaajila kiristaanummaa kan dagaagsu waan ta’eef hojiirra akka ooluuf nitumsina jedhaniiru.

Prime Media gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *