Morma kee olitti kan siif qaalii tahe hin jiru; Morma kee oolfachuuf falmachuun amma!!
Oromoon Jaarraa tokkoo oliif garbummaa jala ture amma immoo “Bilisummaa Garbummaa fakkaatu” jalatti duguuggaan sanyii irratti raawwatamaa jira.
Oromoon erga Garbummaa jalatti kufee osoo meeshaan ammayyaa akka ammaa hin jiraatiinii fi dhalootni akka ammaa hin dammaqiin roorroo bifa kamiin itti dhufaa turte gamtaan falmachaa harka muraa fi harma muraa dabalatee adabaabayiitti haati yeroo ilmaan ishee fannifaman ilaalaa Oromoon immoo gochaa sanaan xiiqeffatee qabsoo isaa dhahata dhahataan gaggeessaa eenyummaa isaa tiksatee dhaloota 1960 tti kennee dhalootini jahatamootaa immoo dhaloota qubeetti kennee jira.
Qabsoon Ummatni Oromoo gaggeessaa ture kan eenyummaa isaa tiksachuuf wareegamni kumaatamaan itti kaffalamee dhaloota jahatamootaan booda immoo Eenyummaa ofii tiksachuurra darbee Mirga hiree murteeffannaa saba ofii fi daangaa ofii tiksachuuf Ummatni Oromoo ani Oromoodha jedhee akka falmatuuf xurree saaqeen har’a dhalootni Qubee qabsoo dhiibee fiixee Bilisummaa irra erga gaheen booda waggota jahan as jechuun bara 2018 booda “Garbummaa Bilisummaa ‘fakkaatu keessatti kufee Ummatni Oromoo Harmee Ulfaa hanga Manguddootaatti, Daa’immanii fi shamarran osoo hin jenne hanga hayyootaatti wareegama akkaan ulfaataa kaffalaa jira.
Dhalootni Qubee har’aa Hundeen Gaaffii Oromoo maal akka tahe Abboota 1960 irraa baratee irraas fudhatee dhaalee qabsoo akkaan hadhooftuu gaggeesseen wareegama kumootaan Oromoon itti dhabameen jijjiiramni gatantaraan 2018 keessa argame dhaloota Qubee kaleessa kaayyoof malee faayidaaf hin jilbeeffanne ,Artistoota kaleessa sabaaf malee dantaa dhuunfaaf hin jiraanne kan kaayyoo fi akeeka Qabsoo Oromoof jiraataa turan Garbummaan Bilisummaa fakkaatu kan irri isaa dhadhaa keessi dhagaa warra Arrabaan nadhii Dammaa kan garaan isaanii maxxaneen bu’aan wareegama qabsichaa butamuun qe’een Oromoo akkaan golgolaaye .
Qabsoon Oromoo warra qabsaa’aniin osoo hin taane warra qabsicha hataniin warra Oromoo irraa dhalataniin osoo hin taane warra Oromoon guddifamaniin ykn Oromiyaa keessatti guddataniin, warra Sabaaf wareegamu harka osoo hin taane warra sabicha wareegsisaa fi dhabamsiisaa tureen butamuun, warra dhugaa qabu harka osoo hin taane warra Dhugaa soba godhanii Sobaan dhugaa jedhanii Sa’aa maseensanii sangaa dhalchiisaniin butamuun wareegamni akkaan ulfaataan jaarraa 21ffaa keessa taha hin jedhamne saba Oromoo irratti tahaa jira.
Ummatni Oromoo kaleessa yeroo Tekinooliijiin akka har’aa hin turre sararri quunnamtii akka ammaa sekondiin quba wal qabaatuun hin dandahamnetti bahaa lixaa’ kaabaa kibbaa Oromummaa isaanii qofaan haala hin mijanne keessatti quba wal qabaachuun ykn wal tahuun sirna yeroo sana ture kan Abbaa Irree irratti osoo Harkaa fi Harmi irraa muramuu sirna sana dhabamsiisee eenyummaa Oromummaa isaa tiksatee dhalootatti dsabarsee seenaa dhiigaan qofa osoo hin taane Harma Muraa fi Harka muraan galmee seenaa gubbaatti akka barreeffamu taasisuun Oromummaa isaaf wareegameera.
Ummatni Oromoo kaleessa harkaa fi Harmi Haadholii irraa yeroo citu waloon falmatanii sirna sana jijjiiranii Oromummaa isaaniis tiksanii dhaloota isaan duubaa gootummaan akka falmataniif Harkarruu(Ashaaraa) isaanii dhaalchisanii darbaniiru.
Dhaloorni Qubee har’aa Garbummaa Bilisummaa fakkaatu jalatti kufee bara tekinooloojiin secondiin Addunyaa qaqqabu keessa jiraatee osoo Mormi akka saawwaatti besmaam jedhamee irraa cituu rip qofa jedhee callisuun dhaloota seenaa dalagu osoo hin taane seenaan irratti dalagamu tahaa jira.
Dhalootni har’aa osoo Abbaa fi haati isaa baadiyyaa keessatti ajjeefamuu magaalaa irraa warra isaan ajjeesisu waliin nyaatee dhugee dhiichisuun dhiigaa Abbootaa fi Haadholii isaa galfata kan nyaatu tahaa jira.
Sirni amma Oromiyaa keessatti diriirfamee Daa’imaa hanga Manguddootti qe’ee Oromoo ujlfinaa fi kabaja dhorkachuun kan barbaade gabaatti baasee rashhanu kan barbaade mana hidhaa keessatti ajjeesuu fi manaa fi qabeenya Oromoo abiddaan gubuu fi saamu sirna Abbaa Irree naam tokkeeti.
Seenaa keessatti akka waggootan jahan darban Oromiyaa keessatti Ummatni Oromoo wareegama kaffale hin turre.
Dhalootni Qubee osoo Mormi ilma Oromoo biillaan citee mukatti fannifamee itti geeraramuu osoo besmaam jedhamee irraa citee ittiin eenyummaa isaa dhabamsiisuuf taasifamu arguu osoo qe’ee fi qabeenyi Oromoo kumaatamaan abiddaan barbaadaa’uu ,osoo Abbootii fi haadholiin manni irraa gubatee bosona keessatti galee holqa keessa jiraatuu meeshaalee waraanaa ammayyaan ajjeefamuu argaa callisuun salphina jaarraa kanaati
DHAAMSA: Dhalootni Qubee Garbummaa Bilisummaa isatti fakkeeffamee fulduraan ykn kaameeraan waan calaqqisu sitti argisiisanii kaameeraa duubaan Haadha kee, Obboleettii kee gudeedan, qe’ee fi qabeenya ummata kee barbadeessan fonqolchitee sirna Ummata Oromoof tahu Mootummaa Ummataan filamee Ummataaf jiraatu dhaabuuf qabsoon tokkoomtee ka’uun yeroon mijataan yeroo kamuu caalaa ammadha.
Osoo Mormi sirraa cituu jireenyi ati jiraattu jireenya miti; osoo qe’ee fi qabeenyi Ummata Oromoo barbadaa’uu; Osoo Sirni amma jiru dhukkuboota adda addaa akka Meeshaa waraanaatti fayyadamuun Oromiyaa keessatti saba kee ajjeesaa jiruu callisuun dhaloota Qubeef garbummaa garbummaa oliiti waan taheef falmachuun amma.
Morma kee oolfachuuf Falmachuun amma!
Yoomiyyuu Moosisaatiin!