Naannoo #Oromiyaatti namoonni miiliyoona 39 ol dhibee busaaf saaxilamoo ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse ‼️
Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warquu ibsa miidiyaaleef kennaniin, tatamsa’inni dhibichaa godinaalee Oromiyaa 18 fi magaalota 10 keessatti hawaasarraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himan.
Hawaasni miiliyoona 39.5 dhibichaaf saaxilamoo ta’uu eeruun, ittisa dhibichaa irratti qaamni hunduu akka tumsu waamicha dhiyeessaniiru.
Dhiheessiin qorichaa fi meeshaaleen barbaachisoon ummataaf raabsamaa jiraatus gahaa waan hintaaneef, caalmaatti dhibicha to’achuuf Biirichi qaamolee garagaraa waliin qindoominaa hojjechuun tarkaanfilee adda addaa fudhachaa jiraachuu Pirofeesar Natsaannat dubbataniiru.
MNO dhibee Busaa akka siyaasaatti fayyadamuunis yeroon yaala godhamuu qabu hin godhiin turuun isaa akka meeshaa waraanaatti itti bahaa jira😢😥
Naannoo Oromiyaatti ummatni mootummaan Abbaa Irree sababa hin deeggarreef jedhamee aanaalee fi gandoota baadiyyaa keessatti dhibee busaa yeroon ittisuun osoo dandahamuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun ummatni miliyoona 39 Naannoo Oromiyaa keessatti dhibee kanaaf saaxilamuu isaa Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksisee jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa buufataalee Fayyaa aanotaa fi gandoota baadiyyaa keessa jiran guutummaatti cufuun tajaajilli Fayyaa dhibuun Ummatni dhibee Busaa dabalatee dhukkuboota daddarboo biroof saaxilamuun baay’een wal’aansa dhabanii du’aa kan jiran tahuu beekamaadha.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Manneen Barnootaa fi Buufataaleen Fayyaa Aanota Oromiyaa fi gandoota Baadiyyaa hedduu keessatti tajaajila ala taasisee jiraachuu gabaasaalee yeroo adda addaatti barreessineen ibsuun keenya ni yaadatama