Baalee Lixaafi Shawaa Kaabaatti waraanni PP mana namoota gubun dhaga’ame.
(SQ-Mudde 29,2022)
Oromiyaa guutuu keessatti lammiilee Oromiyaa dararaa kan jiru waraanni murna Bilxiginnaa tibba kana Baalee Lixaafi Shawaa Kaabaatti manneen uummata qabeenya keessa jiru waliin gubu maddeen SQ gabaasan.
Haala kanaan Godina Baalee lixa Ona Diinshoo ganda Ayyiddaatti Muddee 21, 2022 waraanni Bilxiginnaa WBO waliin hidhata qabdu jechuun manaaf qabeenya namoota 4 olii guutumatti gubu maddeen SQ nuuf himan.
Namootni manni jalaa gubate kunneenis Obbo Siraaj Yusuuf, obbo Abdallaa Waccaa, Obbo Ahimed Maammee fi Obbo Abdallaa Maammee kan jedhaman kan maqaan isaanii nu qaqqabe yoo ta’u kanneen maqaan isaanii nuun qaqqabne heddun jiraachuus odeeffanneerra .
Oduma walfakkaatun Godina Shawaa Kaabaa Ona Warraa Jaarsoo ganda Nuunnuu Goondinii jedhamutti Mudde 26,2022. Waraanni PP Mana obbo Girmaa Garbuu qabeenya isaan qaban waliin jala barbaadeessu maddeen nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Obbo Girmaan Manguddoo umurii 65 olii yoo ta’an badii tokko malee maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhu itti manxasuun manaaf qabeenya isaanii jala guban jedhu,
Achuma ollaa Obbo Girmatti nama obbo Saaburee Mangistuu jedhamu jalaa waraanni PP sangoota qonnaa lamaa fi sa’a elmamtuu jalaa fudhachuun gara mooraa isaaniitti geeffachuun qalatanii nyaatan jechuun jiraattootni gandichaa SQ itti himaniiru.