Miseensi Gumii Saba ABO J/Oromsiis Elemoo Hidhame
(SQ – MUDDE 28,2022)
Miseensi Gumii sabaa ABO J/Oromsiis Elemoo Kamisaa darbe halkan ALItti sa’aa 6:00tti poolisiin Hararii paatroolii 2n mana isaatii ukkaamsanii bakki geessan hin beekkamin ture.
Odeessa har’a nu dhaqqabeen J/Oromsiis sababa tokkoon ala mana hidhaa koomiishiniii (Qajeelcha poolisii) Mootummaa naannoo Harariitti hidhamee dararamaa jira.
J/Oromsiis yeroodhaa yerootti sababa tokkoon ala sababa miseensa ABO tahe qofaaf yeroo adda addaatti hidhamee kan gidirsamaa turee fi dhiheenya hidhaa kan gadhiisamee dha.