Mariin Araaraa WBO fi Mootummaa Itiyoopiyaa gidduutti adeemsifame adeemsa milkiiti jedhame

 

Hayyuu Seera idil-addunyaafi dippilomaatii kan ta’an Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa, mariin ABO-WBO fi Mootummaa gidduutti guyyoota sagaliif adeemsifamaa ture marii milka’aa ta’uu himan.

Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtooman (UN)tti dhimmoota nagaa buusuurratti waggoota 30 oliif hojjachuun muuxannoo bal’aa akka qaban dubbatama.

Mariin ABO-WBOfi Mootummaa gidduu ture kun, Afrikaa keessatti marii qaamoleen faallaa yeroo dheeraa fudhachuun gargaarummaa isaanii irratti haasa’an isa duraati jedhan.

Dheerachuun guyyoota mariin itti geggeeffameefi wal fakkaachuun ibsa qaamolee lamaanii marichi abdii kan qabu ta’uu agarsiisa jedhan.

Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa, Muuxannoo dippiloomaasii biyyoota adda addaa keessatti qaban giddugaleeffachuun, haala marii ABO-WBO fi Mootummaa gidduu ture irratti BBC Afaan Oromoof xiinxaala isaanii kennaniiru.

Akka isaan jedhanitti, mariin ABO-WBO fi Mootummaa gidduutti adeemsifame, akka Afrikaatti marii yeroo dheeraa qaamolee waldhabdee qaban gidduutti taasifamedha.

Qaamoleen lamaan ilaalcha faallaafi yaadama siyaasaa walirraa fagoo qabaatanii, guyyoota sagaliif marii walhubannoo geggeessuun isaanii, sadarkaan marichaafi dhimmoota achi turanii, adeemsa waldhaggeeffachuu gaarii kan qabaataa ture ta’uu agarsiisa jedhan.

Obbo Baayisaa Waaqwayyaa, marichi utuu wal hubannoo gaariifi waldhaggeeffachuu hin qabu ta’eetii turtii sa’atii 24 yookaan guyyaa lamaa keessatti xumurama turee jechuun muuxannoo isaaniirraa xiinxala kennaniiru.

Marii kanaan milka’aa jechuu ni dandeenyaa jechuudhaan deebii yoo kennan, “eyyee milka’aa jechuu ni dandeenya” jechuun ragaalee xiinxala isaanii waliin ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, wal fakkaachuun ibsa qaamolee lamaanii, turmaati marichaafi qaamolee lamaanuu biratti iccitiin qabamuun ajandaalee marii bakka sana turee wanti inni agarsiisu, mariin milkaa’aa adeemsifamuufi waliigalteetiin raawwatamuu isaati.

Marii marsaa duraatiin waliigaltee qaamolee lamaanii eeguun sirumaa waan sirrii hin turree kan jedhan Obbo Baayisaan, sagantaan siyaasaa adda addummaa qabuufi tarsiimoon qabsoo isaanii walirraa fagaataa kan ta’e, yaadota akka salphaatti isaan araarsu qabaachuun cimaa ta’uun beekamaadha jedhu.

Haa ta’u malee, mariin marsaa duraa kun haala baay’ee gaariifi abdii qabuun xumuramuusaa wantoonni agarsiisan jiraachuu ammoo dubbatu.

Qabxiilee marii kan irratti waliif galaniifi kanneen irratti waliif galuu hanqatan himamuu baatus, wantoonni akka shakkiitti dubbatamaa jiran, hundeeffamuu mootummaa cee’umsaa Oromiyaatiif fedhii qabaachuun ABO-WBO fi hidhannoo akka hiikkataniif gaafachuun mootummaa waanuma ta’uu qabu ture jedhu ogeessi kun.

Qabxiileen kun yoo hin kaafamin sirumaayyuu marii siyaasaa jechuun ulfaataadha kan jedhan Obbo Baayisaan, gamni lamaanuu gaaffiifi haalduree isaaniif dhihaatuuf, deebii kennan akkasumas waan itti waliif galan ni qabu jedhu.

Addumaan gama ABO-WBO-tiin gaaffiin hidhamtoota siyaasaa hiiksisuu, gaaffiin diimokiraasiifi bilisaa dhihaachuun waan eegamu yoo taโ€™u, mootummaan Itoophiyaa ammoo, heera biyyattii irratti hundaa’eetu waliin dubbataa jedhan.

Fedhiin araara buusuufi siyaasaan waliif galuu qaamoleen lamaan agarsiisan hedduu kan abdii namaaf kennu ta’uu ibsanii, marii marsaa 2ffaa yookaan ammoo kan itti aanuun wantoota amma irratti waliif galuu dadhaban irratti carraan waliif galuu waan jiruuf, uummatni dhiibbaa geessisuu akka itti fufus gaafataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *