Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Gudurutti Waranni Bilxiginnaa Manguddoo 1 ajjeese.
(SQ-Sadaasa 29,2022)
https://t.me/hordofaa
https://chat.whatsapp.com/LAzVHa4HqhsCccRHuz6sBB
Sadaasa 27,2022 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Ganda kombolchaa 02tti waraanni Bilxiginnaa Manguddoo Umurii 60 kan ta’an Obbo Goshuu Wadaajoo rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa isaanii bakkeetti gatu maddeen SQtti himan.
Obbo Goshuun Abbaa ijoollee 6 yoo ta’an hirmaannaa siyaasaa kam keessattillee qooda kan hin qabne ta’u odeessi arganne ifa godha.
Obbo Goshuun jaarsaa biyyatti kan jedhan maddeen keenya waraanni Bilxiginnaa manguddoota ija uummata ta’an filanii ajjeessa jiru jechuun miiraa gaddaan dubbatan.
Godinichatti humnoonni Bilxiginnaa fi Finxaaleyyiin Amaaraa waliin ta’uun jaarsoolii biyyaa, manguddoota, qeerroo fi qarree jumlaan ajjeessa jiru.
Kana malees Magaalaa Kombolchaatti sadaasa 27,2022 humni qilleensa mootummaa paartii Bilxiginnaa haleella xiyyaaraa uummata nagaa irratti rawwachuu gabaasun keenya niyaadatama.