Qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa mana hidhaatti akkaan dhibamanii yaala ga’aa dhabuun akka isaan yaaddesse Abukaatoon isaanii Dr Tokkummaa Dhaabaa BBCtti himan.

Qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa mana hidhaatti akkaan dhibamanii yaala ga’aa dhabuun akka isaan yaaddesse Abukaatoon isaanii Dr Tokkummaa Dhaabaa BBCtti himan.

(SQ-Bitootessa 8/2022)

Hooggantoota dhaabichaa mana hidhaatti lagannaa nyaataan mormiisaanii dhageessifataa turan keessaa tokko kan ta’an Obbo Batteen, miidhaa nyaata dhabuun irraan ga’erratti dhibee tiruun qabamanii dararamaa jiru jedhan Dr Tokkummaan.

”Batteen dhukkuba hamaadhaan dararamaa jira. Waan lamaan akkanni dhibamee jirun quba qaba. Tokko sababa lagannaa nyaataa elektiroolaayitiin qaamasaa keessaa hir’achuun miidhameera, kanaaf ammoo ciisee yaalamuu qaba. Lammaffaan dhibee tiruun (Hepatitis) qabameera, isa kanaafis hospitaala Taklahayimaanot yookiin ammoo biyya alaa deemee ciisee yaalamuu qaba kan jedhu doktarri isaa hime,” jedhan.

Bakka inni itti hidhamee jiru Buraayyuutti bu’aan qorannoo fayyaa, akkanni ciisee yaalamuu qabu agarsiisu hanga dhufutti jedhanii yaala dhowwatan kan jedhan Dr Tokkummaan erga bu’aan dhufees hin yaalamne jedhan.

”Isaan kan hanga bu’aan qorannoo biyya alaatii dhufutti ilaalla jedhanii turan. Akkan quba qabutti bu’aan qorannoo kan dhufe Roobii darbe. Hanga Roobii darbeettis ta’e Roobii boodas garuu Batteen ciisee yaalamuudhaaf carraa hin arganne.”

Obbo Battee qofa osoo hin taane namoonni waliin hidhaa jiran kaanis dhibamanii jiru, isaanis yaala hin arganne jedhan.

”Warri kaanis sababuma lagannaa nyaataa kana miidhaan irra ga’eer, garuu karaa ogeessa yaalee qoratamee waanti irra ga’ame hin jiru. Kennasaa Ayyaanaas akkasuma dhukkubsataa ture. Innis yaala ga’aa hin arganne.”

Namoonni kunneen dhimmisaanii mana murtiitti akka dhiyaatuu fi fala akka argataniif ifaajee guddaa gooneerra kan jedhan Dr Tokkummaan nama nu dhagahu dhabnee akkanumaan jirra jedhan.

”Nuti akka abukaatootti yeroo hedduu mana murti deemuudhaan namoonni kunneen akka mana murtiitti dhiyaatan iyyachaa turre. Hanga mana murti waliigalaa fi federaalaatti deemnee homaa fala dhabne, jarreen mana murtiitti dhiyaachuu hin dandeenye,” jedhan.

Inumaa kan Koloneel Gammachuufaa kun sababa isaan hidhamaniif namni dhiyaatee ibsu waan dhabameef galmeen cufame. Galmeesaanii jala kan jiran hunduu galmeen cufaadha jedhan Dr Tokkummaan.

Jaarsummaadhaanis deemanii fala akka dhaban himan.

”Karaa mana murtiitiin fala argamsiisuun akka hin danda’amne waan hubanneef karaa jaarsummaa ammoo ijibbaanne. Jaarsoliis maatiisaaniis gaafannee karaa Kanaan tattaafachaa turre. Jaarsoliin mootummaa gaafatanii jarreen kun yaala ga’aa akka argataniif tattaafataa turan,” jedhan.

”Nutis hordofaa turre, hanga kaleessaatti jaarsoliin kun akka hin milkoofne, Batteenis ciisee akka yaalamu gochuu hin dandeenye. Namoonni kaanis yaala akka argatan gochuu hin dandeenye.”

Dr Tokkummaan tajaajila wal’aansa fayyaa didamuu maamilootumasaaniirraa akka dhagahan himanii, ”Warri Buraayyuu nuti isin geessuuf rakkoo hin qabnu garuu qaama oliirraa geessaa jedhamnee hin ajajamne,” jechuun akka maamilasaanniitti himan dubbatan.

”Hanga isaan geessaa jedhanii nu ajajanitti isin geessuu hin dandeenyu kan jedhu itti himan. Wayita mana yaalaa deemanii doktarri ciisanii haa yaalaman jedhummoo poolisiin ‘lakki waraanni kana natti hin himne’ jechuun dida, haala kana keessa jiru.”

”Kana ammoo qaamni olaanaani beeka, doktarris jarri kun yaalamuu akka qaban, du’uu akka hin qabne akka itti hime nutis quba qabna,” jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *