Finfinnee keessatti dargaggoota Oromoo Sabboontota ta’an ukkamsanii mana hidhaatti darbuun akkuma itti fufetti jira.

Finfinnee keessatti dargaggoota Oromoo Sabboontota ta’an ukkamsanii mana hidhaatti darbuun akkuma itti fufetti jira.

(SQ-Fulbaana 27,2022)

Finfinnee dabalatee Godinoota addaa Oromiyaa Naannaawaa Finfinnee keessatti hidhaan jabaatee itti fufee jira.kunis ta’e jedhamee humnoota tika mootummaa pp’n dargaggota Oromoo finfinnee keessa jiraatan sababa isaan maatii isaanii Golee Oromiyaa keessa jiraataniif dhimma ajjeefamuu,buqqa’uu fi mana hidhaatti dararamaa jiruu sagalee waan ta’aniif qofa hidhaatti darbamanii daramaa jiru.

Guyyaa har’aa jechuunis Fulbaana 27,2022 Finfinnee keessatti Dargaggoota lama Firaa’ol Lammeessaa fi Addunyaa Itiyoophiyaa jedhaman humnoota tika mootummaan Birbirsa Goorootti qabamanii bakki buuteen isaanii dhibame jechuun maddeen keenyi SQtti nuuf himan.

Dargaggoonni kunneen badii tokkollee osoo hin qabaatiin sababa isaan dhumaatii hawaasa nagaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Onoota akka Amuruu,Jaardegaa jaartee fi Bulluq jiraataniif sagalee ta’anii watwaataa turelanii qofaaf humni pp hidhaatti isaan darbe.

Yeroo darbes dargaggoota oromoo Godinaalee Addaa Oromiyaa Naannawaa finfinnee fi Finfinnee keessa jiraatan humni tika pp hidhaatti darbee dararaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *