Mormakee oolfachuuf Har’uma Falmachuun!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ajjeechaa sukkaneessaa fi hidhaan achi buuteen dhabamuu ilmaan Oromoo waggootan jahan darban Oromiyaa keessatti haalaan kan hammaate tahee osoo jiruu Godina Salaalee Aanaa Darraa keessatti Dargaggoo Darajjee Amaaree irratti yakka Morma kutaa humnoota Finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhaman kan Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Sirna PPn deeggaramaniin raawwatame Qeerroon Bilisummaa Oromoo ni balaaleffanna.
Humnootiin Faannoo waggoota as dhiyyoo Mootummaa Naannoo Amaaraa fi deeggarsa mootummaa federaalaan kan hidhannoon guutameef Oromiyaa bakkoota hedduutti jumulaan ajjeesuu dabalatee morma dargaggoo Oromoo besmaam jedhanii akka saawwaatti ciibsanii yeroo kutan suur-sagaleen argame gochaa namummaa hin qabne farra dhala namaati jennee hubanna.
Humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa kunneen Walloo irraa eegalee Shaggar Bahaa Fantaallee irraan, kaaba Shaggar Salaalee irraan wallagga Bahaa Aanota akka Giddaa Ayyaanaa ,Sibuu Siree, Aannoo, Guttin,Limmuu,Angar Guutee fi Horroo Guduruu wallaggaa Aanota akka, Amuruu, Jaardegaa Jaartee, Saqalaa, Abee Dongoroo ,Guduruu fi kanneen biroo dabalatee Mootummaan Federaalaa fi Mootummaa Naannoo Amaaraan ifatti WBO ittiin loltu jechuun hidhachiisamanik ummata keessa bobbaasamuun ummata nagaa ajjeesisaa jiru.
Kuni kanaan osoo jiruu Mootummaan Abbaa Irree PP Abiyyiin durfamu aangoo isaa tiksachuuf dargaggoota fedhii isaanii malee naannoo Oromiyaa adda addaa irraa “humnoota tikaa mootummaatiin” ukkaamsamanii akka gara dirree waraanaatti geeffaman godhamaa jira.
Har’a Oromiyaa keessatti Dargaggoonni yeroo bashannanaaf waliiti qabamanii taa’an ykn hojiif daandii irra deeman, Humnootiin waraanaa fi Tikaa waloon dargaggoota kana humnaan fudhatanii konkolaataa keessatti fe’anii gara naannoo biraatti geessuun gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiru.
“Kana dura bakka dargaggoonni itti walitti qabaman bakkoota akka DSTV , Pool House (Mana pool) irraa ture, kan uggaraman amma garuu kanneen daandii irra illee imalan dabalatee manneen qonnaan bultootaa keessaa akkasumas manneen kireeffatanii dargaggootni taa’an keessaa osoo maatiin quba hin qabaatiin humnootiin waraanaa halkan ukkaamsuun gara mooraa waraanaatti ergaa waan jiruuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan jabeessinee ni balaaleffanna.
Humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon MM Abiyyi Ahimed waggoota lama dura irra deddeebiin kan jajamaa turanii fi akka hidhannoon dabaalamanii biyya tiksaniif paarlaamaa biyyittii irratti dubbatamee kan ture yaadannoo yeroo dhiyyooti.
Humnootiin Faannoo yeroo ammaa kana gochaa garaa jabeenyaa ummata Oromoo irratti raawwatan gargaarsa Mootummaa Abiyyii fi Mootummaa Naannoo Amaaraan akka tahe Ummatni Oromoo miidhaan kun irra gahe ni dubbata.
Caasaaleen Mootummaa Bulchinsa Gandaarra jiran bakkoota humnootiin Faannoo Ummata ajjeesaa qabeenyaa isaanii abiddaan barbadeessaa fi saamaa jiranitti guyyaa warra nagaa eegsisu galgala warra qabee Faannootti dargaggoota Oromoo kennee morma mursiisu tahuu Ummatni Salaalee Darraa waan ijaan argan dubbataa jiru.
Faannoo fi mootummaan PP kan Abbaa Irree Abiyyi Ahimediin durfamu wal tumsuun gochaa hammeenyaa ummata keenya irratti waggootaa jahan darban raawwataa turee ammas itti fufee jira.
Humnootiin Finxaaleyyii Faannoo waggaa 2 dura barsiisota boqonnaa maatii isaanii bira turanii Finfinnee irraa gara Kamisee Imalaa turan bakka shawaa Roobiit jedhamutti Barsiisaa Gammachuu, Barsiisaa Efireem fi Barsiisaa Tolasaa jedhaman dabalatee barsiisotni 8 sababa eenyummaa isaaniin adda baasuun konkolaataa irraa buusanii ajjeesanii gatan.
Akkasumas miidhamtoota Ummata Oromoo walloo Kamisee irraa gara Finfinnee Rifeerii jedhamanii Ambulansiin imalaa turan naannoo Shawaa Roobiititti konkolaataa keessaa buusuun konkolaachisaa dabalatee namoota Ambulaansii keessa jiran haala sukkaneessaan viidiyoo waraabanii yeroo ajjeesanii gatan gochaa sukkaneessaa Yoomuu hin dagatamnedha.
Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Jaardegaa Jaarteetti waggaa 1 dura dargaggeessa Oromoo tokko ajjeesuun morma irraa kutanii morma isaa kutan fuudhanii gara Gondar deemuun mukatti fannisanii ummata duratti yeroo dhaadatan ijaan argineerra.
Tibbana immoo Godina Salaalee Aanaa Darraatti dargaggoota lama humnootiin Faannoo erga rasaasaan rukutanii qabanii booda Dargaggoo umurii ganna 17 kan tahe Darajjee Amaaree akka horiitti besmaam jedhanii morma isaa yeroo irraa kutan suur-sagaleen mul’atu gara jabeenyummaa humnoota Faannoo daangaa kan darbe tahuu caalaa callisuun keenya akka nuyi boru tokko tokkoon keenya morma keenya citnuuf karaa saaquu tahee waan nutti mul’ateef qabsoo hadhooftuu gaggeessuuf murteessineerra.
Guyyaa har’aa Sadaasa 21/2024 irraa eegalee Manneen barnootaa olaanoo keessatti hiriirri balaaleffaannaa sirna PPn deeggaramee ummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuu fi ajjeesu balaaleffatu guutuu Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ooleera. Hiriirri kun gochaa Faannoo fi mootummaan PP ummata Oromoo irratti raawwataa jiran kan balaaleffatu yoo tahu gama PPn hiriira dheekkamsaa kana ugguruuf yaalaa yeroo jiran argaa jirra. Gochaa garaa jabeenyaa Ummata Oromoo Salaalee irratti tahe dabalee ajjeechaa jumulaa Mootummaan PP raawwachaa jirtu balaaleffachuuf barattootni Yuuniversiitiilee akka Finfinnee, Adaamaa, Haroomaayaa, Dirree Dawaa, Arsii, Mattuu, Jimmaa ,Wallaggaa, Asoosaa ,Amboo ,Bulee Horaa,fi kanneen biroo mormii isaanii dhageesisaa oolaniiru.
Hiriira guyyaa har’aa Yuuniversiitiilee Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ooleen yuuniversiitiiwwan tokko tokko keessatti murni Abbaa Irree PP barattoota Hiriira Nagaa gaggeessaa oolan isaan ummata isaanii dararamaa jiruuf sagalee tahan jedhan ppn akka ariiyamaniif maqaa barattoottaa hiriira nagaa qindeessitan jechuutiin maqaa isaanii maxxansaa jiraachuu dhagayaa jirra.
Yuuniversiitiiwwan maqaa barattootaa maxxansitan dabalatee kanneen barattoota karaa nagaa ummata isaanii dararamaa jiruuf sagalee tahan irratti tarkaanfii fudhachuuf yaaltan itti gaafatama seenaa qofa osoo hin taane tarkaanfii itti aanee dhufuuf gaafatamaan bulchinsa yuuniversitichaa tahuu Qeerroon bilisummaa Oromoo gadi jabeessee akeekkachiisa.
ajjeechaa Sukkaneessaa fi qe’ee fi qabeenya isaanii irraa akka Ummatni Salaalee Anaa Darraa buqqaafamee ajjeefamuuf kanneen yakka adda durummaa raawwataa jiran “Letenaanti Jeneraal #Tesfaayee_Ayyaalew naannoo Salaaleetti Ajajaa Raayyaa Ittisa Biyyaa kan Abiyyi Ahimed irraa dirqama fudhatu yoo ta’u, obboleessi isaa immoo #Alamaayyoo_Ayyaalew naannoo Darraatti hogganaa Faannoo tahuun gochaa finxaalessummaa ummata irratti gaggeessummaa obbolaa lamaaniin halkanii fi guyyaa raawwatamaa jiru tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Hiriirri sirna morma kutaa fi qe’ee fi qabeenya Oromoo mancaasu balaaleffatu kun diina Ummata Oromoo sirna PP fi kanneen isaaniin hogganaman hanga hundeen jijjiiramu barattootni Yuuniversiitii fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa guyyaa borii jechuun sadaasa 22/2024 irraa qabee hiriira karaa nagaa gaggeessuun itti fufama
.
Dhuma irratti Ummatni keenyi biyya Ambaa keessa jirtan gochaa hammeenyaa Mootummaan PP ummata Oromoo irratti raawwachaa jirtuu fi Faannoon mootummaan deeggaramee hidhachiisamee raawwataa jiru balaaleffachuuf hiriira mormii karaa nagaa barattootni Yuuniversiitii eegalan cinaa dhaabbachuun biyya jiraattan keessatti akka sagalee ummata keenya dhumaa jiruu dhageesiftan waamicha isiniif dhiyyeessina.
Akkasuma Hawaasni Addunyaa Itiyoophiyaa keessa jirtan sabaa fi sablammooleen impaayera Itiyoophiyaa fi lammiileen Oromiyaa qabsoon Ummatni Oromoo gaggeessu qabsoo nagaan jiraachuuf mirga isaaf falmatu waan taheef akka cinaa dhaabbattan waamicha keenya isiniif goona.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee, Oromiyaa
Sadaasa 21/2024