Oduu Gadaa๐
Godina Wallagga Bahaaย Aanaa Limmuu magaalaa Fiixe Baqqoo keessatti humnootiin Finxaaleyyii Faannoo Ijoollee 3 qaluun dhagahame.
Akkam maddeen naannichaa jedhanitti torban darbe Ijoolleeย 4 osoo gabaadhaa galanii finxaaleyyii faannootiin butamanii achi buuteen isaanii dhabamee ture kan ture yoo tahu tibbana maatii ijoolleetti bilbiluun QR miliyoona 1.5 yoo nuuf galchitan Ijoollee ni lakkisna jechuun dubbachuun Maatiinis dhuguma se’anii namootni Naannoo maallaqa walitti buusee erganiif finxaaleyyoota kanaaf erga erganii booda Ijoollee 3 yoo Walin namni 1 miliquun hanga ammaa barbaadamaa jiraachuu dhageenye
Maqaan ijoollee butamanii :
1) Eyuโel Gaarradoo
2)Tolasaa Gaarradoo (Obboloota lamaan)
3) Eliyaas Dhaabaa
4) Soorumaa Raggaasaa
Akka maddeen keenya jedhanitti Guyyaa harโaa jechuun sadaasa 22/2024 ijoolleen butaman, sadiin qalamuu fi isaan keessaa mucaan maqaan isaa TOLASAA GAARRADOO jedhamu, miliqee bahee jira jedhan.
Tolasaa Gaarradoo miliqee osona keessa waan badeef ummanni mucaa miliqe argachuuf bosonatti hidhattoota milishaa waliin barbaadaa jiraachuus nuuf himaniiru.
Reeffi ijoollee sadanii hanga ammaatti hin argamiin jira.๐
*Torbanoota darban keessas, achuma Wallagga Bahaa Aanaa Limmuu, ganda Lalii Guddinaatti, maatiin guutuun mana tokko keessatti humnoota Finxaaleyyii Faannoon jumilaan ajjeefamaniiru.
Maqaan namoota ajjeefamanii :
1) Moosisaaย Gammadaa(abbaa manaa)
2) Shittaayee Fayisaa (haadha manaa)
3) Jiraataa Moosisa (ilma isaanii)
4) Xuruu Moosisaa (intala isaanii) kan ajjeefaman yommuu taโan kanneen madaaโanii lubbuun hafan Maqaan isaanii:
1) Ayyalaa Duuressaa
2) Kabbabuu Dhufeeraa
3) Dhugaasaa Qanaโii jedhamu
Ummanni achii guyyaa harโaa sodaa nageenyaan buqqaโaa jiraachuus odeeffanneerra