Darraatti ummatni rakkoo isaa Miidiyaatti himate jumulaan hidhame

#Update #Darraa

Bulchinsaa fi Nageenya Aanaa Daarraa milishootaa fi kaabinoota waliin tahuun kan miidiyaatti dubbattan sana sobadha Shaneetu akkas nu godhe jedhaa jedhanii Ummata doorsisaa oolaniiru.

Faannoon nagayaa nuuf qaba jedhaatii dubbadhaa jedhanii warri godina SHAWAA KAABAA bulchan har’a ummata rakkoo isaa dubbatate waltajjii walitti qabanii doorsisaa oolan.

Dhugaan jirtu Ummatni Oromoo kan beekuu qabu Kan qalame Oromoodha; kan qale Faannoodha. Kana qabatamaan akka namiyyuu waakkachuu hin dandeenyetti videon bahee jira, sagaleen guututti ummata Oromoo miti Addunyaan ragaa hubatedha !

Mootummaan PP Saba qalameen maal godhaa akka jedhan ummatni Oromoo quba qabaachuu qaba.
Namoota yaada isaanii kennan keessaa hedduun humnoota waraanaa PPn qabamanii hidhamanii jiru.

Bulchitoonni har’a Ummanni ganama akka wal gahii bahu gochuudhaan waltajjiirratti ajaja “Viidiyoon waraabbamee tamsa’aa ture sobadha, Shaneedha malee faannon homaa nun goone nagaa qabna” jedhaatii hiriira bahaa jedhanii ajaja kennaniin ummata dirqiidhan hiriira baasanii yakka raawwatame haalchisaa jiru.

Doorsisa ummatarraan gahaa qeyeerraa buqqisaa bosonatti baqatee holqa keessa jiru sanarra gahaa jiruu fi namoota hidhaman akka maqaa arganneen Ummataan geeny

Ijjii fi gurrri Oromoo hundi Darraa irraa akka hin buqqaane dhaammataniiru …!

Barattootni Oromoo Yuuniversiitii fi mana barumsaa sadarkaa 2ffaa hiriira kana guyyaa 2ffaaf gaggeessaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *