Ajjeechaa Oromiyaa keessatti sirna PP tiin tahaa jiru ABOn cimsee balaaleffachuun ummatni mirga isaa kabachiifachuuf akka falmatu waamicha taasise

~
Ajjeechaa Suukaneessaan Hidhattoota Faannoo fi Mootummaa PP tiin Ummata Nagaa Irratti Raawwatamaa Jiru Yakka Waraanaa Ulfaataa fi Hammaataa dha.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Ajjeechaa suukaneessaan Giddu gala Oromiyaa Godina Salaalee Ona Dharraatti ummata Oromoo irratti tahe, duula qinda’aa Finxaaleyiin Faannoo Amhaaraa babal’ifannaa lafaa, qe’ee fi qabeenya Oromoo saamuuf bobba’anii fi mootummaa Dr.Abiyyii Ahmad Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ittiin loluuf Faannoo ijaaree ummatatti bobbaaseen akka raawatame Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ni amana. Yakka waraanaa fi gocha suukanneessaa ifatti ummata keenya irratti tahe kana Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.

Golee Oromiyaa cufa keessatti, addatti bakkoota naannoo Amhaaraan wal daangessan keessatti yakki waraanaa ulfaataa fi hammaataan Faannoo fi Waraana mootummaa bulchiinsa murna Biltsiginnaa Dr. Abiyyii Ahmadiin durfamu jalatti ganna 6n darbaniif ummata Oromoo irratti akka deemaa ture yeroo gara garaatti ibsaa turreerra.

Akka kanaan, Lixa Oromiyaa Walaggaa Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaatti ilmaan Oromoo jumlaan konkolaataa irraa buusee kan ajjeese tumsa Raayyaan Ittisa Biyyaa godheefiin Faannoo Amhaara ti, Bureetti nama Oromoo Faannoon morma muranii mukatti fannisanii ittiin geeraraa turan gargaarsa Raayyaan Ittisa Biyyaa godheefiini. Wallotti Barsiisota konkolaataa irraa buusuun Faannoon fixxe osoo Raayyaan Ittisa Biyyaa naannootti argamuu ti. Ammas tibbana Kaaba Shaggar, Godina Salaalee, Ona Dharraa magaalaa Sararkullaa jedhamutti ajjeechaa suukaneessaan dargaggoo Darajjee Amaaree dabalatee ilmaan Oromoo hedduu irratti Faannoon raawwatame. Kunis bulchiinsi mootummaa fi waraanni isaa osoo jiruu ti.

Ajjechaa suukaneessaa ummata meesha maleeyyii irratti tahaa jiruun ragaalee suur-sagalee ifatti mul’atan caalaa ummata Faannoon ajjeefte akka hin awwaalanneef Raayyaan Ittisa Biyyaa humnaan gara lagaa fi gaaraatti ummata reeffa irraa ittisee waraabessi dirreetti nyaataa jira.
Ifatti qaamoleen mootummaa Ona Dharraatti hidhattoota Faannoo fi Raayyaa Ittisa Biyya akka waltumsan gochuun ajjechaa suukaneessaa ummata Oromoo irratti raawwachiisan:
1. Bulchaa Ona Dharraa Obbo Shibashii Ayaalow fi
2. Gaafatamaa waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa Ona Dharraa Obbo Allebbaachew Haylamaariyaam akka tahan mirkaneeffaneerra.
Kanumaan waliin, hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Haayluu Addunyaas yaada miidiyaaleef kennaniin, “haleellaan raawwatamaa jiru finxaaleyyii Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa dubbataniin raawwatamaa jira” jedhanii ifatti dhiiga ummataa akka lolaatti dhangala’aa jirutti qoosanii gaafatama fudhachuu irraa baqatan.

Ragaa ummata irraa argameen akka Adda Bilisummaa Oromootti kan mirkaneeffanne, akka Obbo Haayluun faa waakkatan osoo hin taane, Ummata Oromoo Godina Salaalee kan ajjeesisiisaa jiru caasaa mootummaa, bulchiinsa sadarkaan gubbaa irraa hanga godaatti ijaaramee jiruu dha.

Akka odeessa jiruutti, yeroo ammaa kana weerara babl’ifannaa lafaan gandoonni Faannoon dhuunfatanii qe’ee fi qabeenya ummataa daaressan keessatti daa’imman reef dhalatan irraa qabee hanga jaarolee biyyaatti ifatti ajjechaa suukanneessaa irratti raawwataa jiran, Lafoota Deenyuu Wabeensoo, Tuutii, Iluu Goodaa Caffee, Baabbuu Dirree, Sararkullaa, Saalaash, Maakaftaa Mannayyoo, Warree Mannayyoo, Baayitii, Mana Lagoo, Gabroo, Barreessaa fi Hoomaa Bonnayyaa faa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Lola qindawaa ummata meesha maleeyyii irratti bananiin, qe’ee Oromoo saamsisee ona taasisee, nama Oromoo Oromummaa isaan yakkisiisee akka ajjechaan suukaneessaan irratti tahu kan haala aanjessee fi ajjeesuu keessaas harka kan qabu, maqaa WBOn ummata nagaa qe’ee isaa keessatti dhumataa jiruuf kan itti gaafatamu mootummaa Dr. Abiyyii Ahmadiin durfamu Biltsiginnaa dha.

Waan taheef, ummanni keenya Oromiyaa, addatti daangaa naannoo Amhaaraan wal daangessu keessa jirtan lola lakkuu waggoota 6n kanneen guutuu mootummaa aangoo isaa tikfachuuf ummataan loluu fi Finxaaleyyii babal’ifannaa lafaa fi saamicha qabeenyaaf ummata keenyaan lolu jalaa baatanii qe’ee keessan irratti abbaa tahuuf, nagaa fi bilisummaan jiraatuuf falli jiru mirga keessaniif falmachuu duwwaa dha.

Kanuma waliin ilmaan Oromoo biyyoota ollaa fi alaa garagaraa keessa jirtan ummata keessan sagalee dhabee ganna 6 guutuuf walitti fufiinsaan bulchiinsa murna Biltsiginnaa jalatti roorroon daangaa darbe irra gahee wabii jireenyaa dhabeef sagalee tahaan dhaamsa keeya.

Maayii irratti, sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa, hawaasni dippilomaasii magaalaa Finfinnee keessa jirtan, hawaasni iddil-addunyaa, dhaabbileen mirga namoomaaf falmitan, jaarmiyaaleen siiviilii fi jaarmiyaaleen siyaasaa ajjeechaa suukaneessaa fi dhumaatii garmalee ilmaan Oromoo irratti tahaa jiru kana akka dura dhaabbattaniif yaamicha keeya taasifna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 21, 2024
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *