Muddee 8/2022
Yuunivarsiitii Dirree Dawaatti barattootni sagalee isaaniii karaa nagaa dhageessisan hidhamanii jiran. Isaan keessaa
Muummee Mechanical Engineering keessaa
1. Boonaa Hambisaa
2.Baacaa Sabbooqaa
3. Barataa Hundee
Muummee Afaan Oromoo keessaa
1.Maatiwoos Kumarraa
2. Barataa Biqilaa
3. Barataa Solomoon
4. Barataa Daani’eel Tasfaa
5. Barataa Damee
6. Barataa Yohaannis
7. Barataa Eeliyaas
Kanneen jedhaman tika PPn ukkaamsamuun hidhamanii jiran
Lubbuu du’a hin oolleef Alagaaf hin jilbeeffatiin!!
Ummatni Oromoo kallattii isaaf mijatu hundaan diina qe’ee isaatti isa ajjeesu of irraa qolachuu qaba jechuun waamicha ABOn dabarse Ofitti fudhachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo yuuniversiitiilee keessattii fi manneen barnootaa keessatti sagalee isaanii dhageesisaa jiru.
Barattootni Oromoo mormii isaanii karaa nagaa dhageesisanis murni afaan qawween ilmaan oromoo ajjeesuu aadeffate har’as akkuma kaleessaa barattoota mooraa yuuniversiitii keessaa qabee ukkaamsaa jira.
Warri mormi irraa cite Oromiyaa fi oromummaa dhabama irraa hanbisuuf tahuu kan dhaadatan barattootni Oromoo birmadummaa Oromiyaa kabachiisuuuf Morma keenya Biyya keenyaa fi eenyummaa keenyaaf jechuun Mudde 6/2022 irraa eegalamee mormiin kan adeemsifamaa jiru yoo tahu guyyaa har’aa daandiiwwan gurguddaan cufamuun uggurri gaggeeffamuus eegaleera.
Morma keenya Birmadummaa biyya keenyaa fi eenyummaa keenyaaf!
Uggurri daandii cufuu yeroo ammaa gaggeeffamaa jira. Falmi Birmadummaa biyyaa fi eenyummaa ofii duguuginsa irraa hanbisuuf godhamu jabaatee itti fufee jira
Bulchiisa naannoo Oromiyaa, godinaa Wallagga Bahaa, aanaalee Kiiramuu fi Angar Guutee keessatti akka lakkoobsa Itiyophiyaatti Sadaasa sagal irraa jalqabee haleellaalee raaw’atamaa jiran, jedhameen namoonni lakkoobsi isaanii baay’ee tahe ajjeesamuu fi kanneen kumootaan lakkaawaman buqqa’uu isaanii jiraattonni Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.
#OdaaBultum Waamicha ABOn ummatni Oromoo akka of irraa qolatuuf taasiseen barattootni yuuniversiitiilee mormii Oromiyaa fi eenyummaa ofii baraaruuf taasisan cimsanii itti fufanii jiru.
Finfinnee keessatti mormiin dhohee jiru jabaatee itti fufee jira. Kutaa magaalaa Addis Katamaa jedhamu keessatti ilmaan abashootaa Alaabaan MNO hin fannifamu jechuun yoo fincilan ilmaan Oromoo immoo Oromoo irraa ajjeechaan haa dhaabbatu jechuun mormii dhoheen manni barumsichaa guutummaatti sirna baruu fi barsiisuu addaan kutee jira. Barattootni ilmaan abashaa tahan alaabaa Minilik qabatanii sirbaa kan turan yoo tahu alaabaan keenyis kanadha jechuun sagalee isaanii dhageesisaa turaniiru.Waamicha ABOn taasise ummatni ofitti fudhhachuun eenyummaa isaa fi biyya isaa baraaruuf daandiiwwan gurguddaan gara Finfinnee galchan guyyaa har’aa cufamaa jiru.
#Hoolotaa Mormiin barattootaa fi hawaasa magaalichaa hammate waamicha ABOn akka ummatni Oromoo waan dandahuu fi karaa dandahuun akka of irraa diina isaa qolatruuf taasiseef owwaachuun mormiitti jiru.
Barattootni yuuniversiitii Amboo Ibsa Ejjennoo baasataniin kan hidhame akka hiikamu ,doorsifnii fi mirgi walabaan yaada keenya ibsachuu nuuf haa eegamu kan jedhu labsanii jiru. Dhuma irratti akkuma Diggaa Saaqoo korma dhamnu Morma hin dhabnu yaada jedhus dhaammatniiru. Yoo korma qallu dhabne morma of irraa wareegnu biyya keenyaaf hin dhabnu jechuu isaanii tabuunis beekameera
#Walisoo Mormiin barattootaa guyyaa 2ffaaf manneen barnootaa magaalaa Walisootti itti fufee jira.
#Samaraa
Samaraa Yuuniversiitii keessatti mormiin barattootaa gaggeeffamaa jira.
#boorana
Yuuniversiitii Booranaa keessatti har’as mormiin itti fufee jira.
Waamicha ABOf hunduu owwaatee jira.
#Naqamtee
Guyyaa 4ffaa mormiin barattootaa adeemaa jira.
#Hoolotaa
Humni waraanaa pp gaaffii barattootaa ugguruuf yaalii godhus barattootni barnoota kan barannu yoo Oromoo fi oromiyaan nagaa qabaatte jechuun gaaffii isaanii dhageesisaa jiru.
Barattootni humna waraanaa sirna pp deeggaraniin ugguramanis jiraachuu maddeen nuuf himaniiru.
Hanga Birmadummaa Oromiyaatti qabsoon itti fufa!
#Jijiga
Mormiin itti jira
#Finfinnee, Mana barumsaa Burqaa Waayyootti mormiin barattootaa gaggeeffamaa jira.
#Arbaamincii
Yuuniversiitiin Arbaamincii guyyaa 2ffaaf mormii dhageesisaa jira.
Qabsoon keenya Birmadummaa biyya keenyaa kabachiifachuuf itti fufa.
Yuunivarsiitiileen Barnoota adda kutanii jiru!
Hanga gaaffiin ummata keenyaa deebi’u hin barannu jechuun barattootni barnoota addaan kutan.
✍️Amboo
✍️Adaamaa, ASTU
✍️Haramaayaa
✍️Arsii
✍️Diillaa
✍️Miizan Teeppii
✍️Wachaamoo
✍️Arbaaminc
✍️Salaalee
Hanga barattootni hidhaman hiikaman, hanga gaaffiin Oromoo deebi’u hin barannu jechuun barnootni adda citee jira.
Ka’i Qeerroo❗️
#Buraayyuu
Mormiin barattootaa guyyaa 2ffaaf itti fufuun Buraayyuu keessatti gaggeeffamaa jira.
Waamichi ABOn dabarse barattootni owwaatanii jiru.
Qabsoon itti fufa Oromiyaan biyya
Kibba lixa shaggar Mormiin itti fufee jira guyyaa 2ffaaf.
Hiriira mormii Kibba Iixa Shawaa
#Qarsaa❗️
Hiriirri mormii sirna PP Oromok lafarraa duguuguuf Morma kutu balaaleffatu Godina Kibba Lixa Shawaa aanaa Qarsaa Maallimaatti barattootaan mormiin gaggeeffamaa jira.
Kibba lixa shaggar Walisoo mana Barumsaa Dilaalaa keessattis mormiin barattootaa gaggeeffamuun barnootni adda citeera
Yuunvarsiitii Rift Valley Finfinnee
Qabsoon Barattootaa itti fufee jira
Ka’i Qeerroo falmadhu!
#WalayittaaSooddoo We can not remain silent until we get Justice
#Baalee #SaveOromia #SaveOromo Mormiin barattootaa Baalee Roobee yuuniversiitii Haraambee keessattis gaggeffamaa jira
#Adaamaa #saveOromoo #Saveoromia mormiin barattootaa adeemsifamuun itti fufee jira
#Negellee
Waamicaha ABOn taasiseen barattootni Oromoo mormii isaanii guyyaa 4ffaa qabate guutuu Oromiyaa keessatti taasisaa kan jiran yoo tahu Arsii Negellee keessattis mormiin barattootaa gaggeeffamaa jira.
Ka’I falmadhu Oromummaa dhabama irraa hanbisi Oromiyaa eeggadhu!
#Saawwenaa
Waamicaha ABOn taasiseen barattootni Oromoo mormii isaanii guyyaa 4ffaa qabate guutuu Oromiyaa keessatti taasisaa kan jiran yoo tahu Baalee Sawweenaa keessattis mormiin barattootaa gaggeeffamaa jira.
Ka’I falmadhu Oromummaa dhabama irraa hanbisi Oromiyaa eeggadhu!
News: Conflict, drought in #Ethiopia forces 3.6 million children out of school in last six months alone: new report
A new report by the UN’s global fund for education in emergencies, Education Cannot Wait (ECW), revealed that conflict, climate change, malnutrition and displacement forced 3.6 million children out of school in Ethiopia in what it says is the world’s largest education crisis.
The number of out-of-school children in Ethiopia “spiked from 3.1 million to 3.6 million in just the last six months” as a result of these emergencies. The number of second-grade Ethiopian students that are able to read dropped from 25% in 2018 to 13% in 2021. Source: Addis Standard
#Dodolaa
Arsii lixaa Dodaallti barattootni mormii isanaii dhageesifataa jiru.
Morma keenya kenninee Oromummaa Keenya jiraachifna malee du’a sodaannee biyya keenya hin weerarsiifnu jechuun falmiin itti fufee jira.
#Gincii Shaggar lixaa hundee bu’uura ka’umsa qabsoo Master pilaanii kan taate Ginciin har’as akkuma kaleessaa qabsoo finiinsaatti jirti.
Barattootni guyyaa 2ffaa barnoota addaan kutuun mormiitti jiru.
Naannoo Amaara Baratoonni University Mekdala Ambaa Diddaa isaanii dhageesifataa jiru.
Ka’I Oromoo dammaqi
#ciroo
Harargee cirootti manneen barnootaa waamicha ABOn ummatni kallattii dandahuun diina isaa of irraa ittisuu qaba jedhee waamicha godheen barattootni mormiitti seenanii jiru.
Ka’I Oromoo dammaqi Oromoo !
#Heexosaa
Arsii Heexosaa manneen barnootaa waamicha ABOn ummatni kallattii dandahuun diina isaa of irraa ittisuu qaba jedhee waamicha godheen barattootni mormiitti seenanii jiru.
#Arsii
Arsii Yuuniversiitiitti barattootni waamicha ABOn ummatni Oromoo kallattii dandahuun diina isaa of irraa ittisuu qaba jedhee waamicha godheen barattootni yuuniversiitii guyyaa 2ffaaf mormiitti seenanii jiru.
#Dabirebiraan
Yuuniversiitii Dabirebiraanitti barattootni waamicha ABOn ummatni Oromoo kallattii dandahuun diina isaa of irraa ittisuu qaba jedhee waamicha godheen barattootni yuuniversiitii Dabirabiraan mormiitti seenanii jiru.
#WalaayittaaSooddoo
Yuuniversiitii Walaayittaa Sooddootti barattootni waamicha ABOn ummatni Oromoo kallattii dandahuun diina isaa of irraa ittisuu qaba jedhee waamicha godheen barattootni yuuniversiitii Walaayittaa sooddoo mormiitti seenanii jiru.
Kibbaa Bahaa Oromiyaa bakkeewwaan heddutti hiriiri mormii sirna Bilxiginnaa balaaleffatu geeggeefama oolee jira.
<Sagalee Qeerroo-Mudde 8,2022>
Oolmaa guyyaa hardhaatiin kibba bahaa Oromiyaa magaalotaa fi baadiyoota naannicha hunda keessatti hiriirri PP balaalleffatu fi Diddaan akka Oromiyaatti deemaa jiru itti fufee ooleera.Akka kanaan
Shaashamannee
Roobe
Dodolaa
Gindhiir
Jaarraa
Itayyaa
Dheeraa Adaabbaa
Dalloo Mannaa
Dalloo sabroo
Gooroo
Hangeetuu fi Diinshotti hiriirri jajjabaan deemaa oole.
Shaashamanneetti barattoota hiriira bahan irratti dhukaasa banuudhaan barattoonni akka madaawan dhageenyee jirra miidhama dhaqqabe adda baafannee gabaasna.
#Guttin
Tibbana Faan***n weerara baneen qabeenyaa ilmaan Oromoo haala argitan Kanaan guutummaa guutuutti barbadeessee deemeera.
Qabeenyaa gubatee fi lubbuu namaa bade ilaalchisee ABOn waamicha ummata Oromoof taasiseen ummatni waan dandahuun kallattii kamiin iyyuu of baraaruuf akka of irraa qolatu waamicha taasiseera.
Yeroo ammaa kanas waamicha ABOn taasie hordofee barattootni Oromoo Oromiyaa keessattii fi impaayera Itiyoophiyaa keessatti barataajiran morma keenya biyya keenyaaf jechuun mormii dhageesisaa jiru.
#OromooHaaBaraarru
#OB
#SaveOromoo
#SO