Waraanni Bilxiginnaa barattoota Oromoo karaa nagaa dhuminsa duguuggaa sanyii gaggeeffameef sagalee dhageesisan dhabamsiisaa jira.
<Sagalee Qeerroo-Mudde 7/2022>
https://t.me/hordofaa
(19) SAGALEE QEERROO (@qeerroo_sagalee) / Twitter
Waamicha ABOn ummatni Oromoo duguuggaa sanyii isa irratti raawwatamaa jiruuf karaa dandaheen waan qabuun of irraa ittisuu qaba jechuun ibsa baaseen booda mormiin barattootaa yuuniversiitiilee keessattii fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa dabalatee qaamolee hawaasaa kan hirmaachise ummata keenya ajjeefamu nagaan barachuu hin dandeenyu jechuun sagalee dhageesisaa jiran waraanni bilxiginnaa mooraa yuuniversiitii keessa seenuun barattoota karaa nagaa gaaffii haqaa fi mirga lubbuun jiraachuuf falmatti jiran humnaan ukkaamsee dhabamsiisaa jira.
Akka maddeen keenya nuuf himaa jiranitti barattoota achi buuteen dhabamaa jiran malee barattoota hedduu jumulaan reebicha hamaa irraan geesisuun miidhamanii manneen yaalaatti guuramaa kan jiranii fi manneen hidhaattis darbatee dararaa hamaa akka irraan gahaa jiru beekameera.
Barattootni Oromoo mooraalee yuuniversiitii adda addaa jiran duguuginsi sanyii Oromoo irraa haa dhaabbatu daangaa Oromiyaatti cehanii weerara gaggeessuun finxaaleyyii amaaraa nurraa haa dhaabbatan duuti nu gaha nagaa barbaanna jechaa sagalee isaanii dhageesisaa turan irratti murni pp afaan qawween barattoota ukkaamssee dhabamsiisaa jira.
Mormiin barattootni Oromoo gaggeessan jabaatee kan itti fufe pp mufachiisuun sagalee barattootaa ukkaamsuuf akka tarkaanfii fudhachaa jirtus beekuun dandahameera.
Barattoota mooraalee yuuniversiitii irraa ukkaamsamaa jiran kanneen maqaa arganne ammaaf:
1, Barattuu Eden Dhaabaa yuuniversiitii wallaggaa damee GIMBII Irraa
2, Barataa Firaa’ol Geetahuun Yuuniversiitii Amboo irraa
3, Barataa Sanyii Asaffaa yuuniversiitii Amboo irraa
4, Barataa Gaaddisaa Sabbooqaa yuuniversiitii Mattuu irraa
5, Barataa Saamu’eel Malkaamuu yuuniversiitii Mattuu irraa
6, Barataa Abdii Guddinaa Yuuniversiitii Amboo irraa
7, Barattuu yoordaanos mana barumsaa jeneraal Taaddasaa Birruu irraati.
Qabsoo barattootni gaggeessan hidhaa fi ajjeechaan wanti duubatti deebisu hin jiraatu!