Liyyuu Haayiliin Somaalee Alshabaab waliin tahuun Lola daangaa babal’ifannaa Moyyaaleen taasisaan jiraniin ummata irratti miidhaa qaqqabsiisan

Liyyuu Hayiliin Soomalee Alshabab waliin ta’uun Daangaa Oromiyaa gama Moyyaaleen lola bananii jiru.

Baatii tokko dura Mootummaan Naannoo Soomalee lafa faangaa Oromiyaa jala jirtu Mooyyalee bulchinsa haaraa isaa jala galchuun isaa ni yaadatam.

Tibba Mootummaan Naannoo Soomalee labsii bulchiinsa haaraa jedhuun Moyyaalee of jala galchu jiraattonni godina Booranaa hiriira bahuun lafti keenya lafee keenya dabarsinee hin kenninu jechaa turan.

Haalli sun yeroo sanatti waan dhaabbate fakkaatus yeroo ammaa kana liyyuu Haayiliin Somalee Hagayya 28/2025 irraa eegaluun Weerara Daangaa Oromiyaa babal’isannaa humna shororkeessaa Alshabaab waliin tahuun ummata Oromoo Booranaa irratti lola bananii jiran.

Lola Waraanni Liyyuu Hayiliin Soomalee Alshabab waliin ta’uun Daangaa Oromiyaa irratti banteen har’a guyyaa 2ffaa yoo tahu yeroo ammaa kan Lola guddaatu deemaa jira.

 Lolli kun Mooyyalee hanga Mataa Wayaamaati— Waacillee hunda irratti waraanni cimaan banamee jiraachuu jiraattotni naannichaa ni himatu.

Oromoo fi Oromiyaan dhimma Daangaa Lafa Oromiyaa akka taphaatti laaluu hin malle ummatni Oromoo gaafa Master pilaanii kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa sagalee tokkoon ka’ee falmatee jijjiirama fide har’a immoo lafti isaa daangaa irraan yeroo dabarsamtee fudhatamtu callisuun hin malle.

 Dhimmi daangaa xiyyeeffannoo argachuu qaba Yeroo hawaasni godina Booranaa  Hiriira bahee Sagalee isaa dhageessifatu murni faayidaa fi aangoof jiraatu Booranni “Mootummaa Oromoo irratti akkamiin Hiriira bahan” warri jettan sun Mootummaan Oromoo isaa jedhan sun yeroo daangaan Oromiyaa kun  waraana naannoo Somaalee fi Alshabaabiin irratti banamee miidhaan qaqqabaa jiruu fi qabeenyi ummataa saamamaa jiru kanatti wanti jedhame hin jiru.

Mootummaan dantaa Ummataa fi birmadummaa Oromiyaa hin tiksine mootummaa isa kamidha?

Yeroo ammaa kana lola guyyaa lammaffaa isaa irra kan jiran hawaasni Oromoo Booranaa Daangaa keenya dhiigaan sararree eegannee asiin geenne; ammallee duubatti hin deebinu dabarsinee hin kenninu jechuun wareegama kaffalaa jiru.

Haaluma wal fakkaatuun godina wallaggaa bahaa Aanaa Kiramuu gandoota akka Siree Dooroo fi Ashuu Kusaayee bakkoota jedhamanitti to’annoo finxaaleyyii faannoo jala galuun dhagahame.

Gandoota to’annoo faannoo jala galanatti ummatni naannoo sanaa dirqamaan humna finxaaleyyii faannoof Qr 10,000 fi midhaan kuntaala 5 akka gumaachu taasifamaa jiraachuu jiraattotni ni dubbatu.

Humnootiin finxaaleyyii faannoo mootummaa Itiyoophiyaadhaan waraana Bilisummaa Oromoo ittiin maqaa balleessuu fi loluuf jedhamanii kan ijaaraman tahus tibba duraa yeroo ammaa caasaa mataa isaanii ijaarrachuun mootummaa of irraa finciluun ummata dararaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *