Mootummaan Federaalaa Aangoo isaa dheereffachuuf Isaayaasiin qabatee Mootummaa Naannoo Amaaraa Waliin Dachee Oromiyaa irratti Ummata Oromoo irratti ajjeechaa suukanneessaa jumlaa raawwachuun lafa Oromiyaa qumaara ittiin umurii turtii aangoo irra turuu bitachaa jira.
Kutaalee Oromiyaa bakkoota adda addaa daangaa irra jiran Wallaggaafi Walloo amaaraan isiniifan kenna jechuun, daangaa Oromiyaa Harargee, Baalee, Gujii Boorana Somaaleen isiniifan kenna jechuun, Karrayyuu,Fantaallee Affaariif Amaaraaf, fi kkf akkasitti mijeessuun Isaayaas Afawarqiitiif ammoo Waadaa Lafa Oromoo investii gochuun diinagdee dhuunfaa isaaf biyyasaa Asmaraa jijjiiruu,Buna Oromiyaa biyya alaatti baasanii gurgurachuu, lmmii Ertiraa Oromiyaa keessatti gadi guuruun lafaaf manneen jireenyaa, manneen daldalaa hojii kennuufiif yoo aangoo irraa bu’ellee carraa aangoo qabachuu seeneefii Waraana Ertiraa Faannoo waliin Oromiyaatti bobbaasee ummata Oromoo lafarraa duguugaa jira.
Waraanni Faannoofi Ertiraa kun uffata Waraanaa ( Millitary Cloth) kan ENDF, Poolisii Federaalaa uffachuunidha akka waan nageenya lammiilee eeganitti kan isaan bobbaafaman.
Gochaan waraana kanaa muraasni:
1,Mana hidhaa baasanii ajjeesanii dhoksaan gatuu
2, Shamarraniif Dubartoota humnaan gudeeduufi akka haadha manaatti humnaan kaambiitti galfatanii waliin jiraachuu yoo didan ammoo ajjeesuu
3, Maatii isaanii duratti gara jabinaan ajjeesuu
4, Dargaggoota mana hidhaatti jumlaan erga guuranii booda leenjii waraanaatti erguu
5, Ajjeechaa jumlaafi saamicha qabeenyaa, midhaan ooyiruu irraafi kan kuusaa midhaanii keessa jiru gubuun Oromoo beelaaf saaxiluu
6, Maqaa Shanee tooftaan sababeeffatanii ummata Oromoo nagaan loojistikii Shanee dhiyeessita, shanee waliin hidhata qabda jechuun ajjeesuu
7, Oromoo kutaan qoodanii akka wal keessa hin deemne gochuun maqaa itti baasanii yookaan hin shakkama jechuun ajjeesuu
8, Dirqamaan qabeenya inni qabu kanneen akka Konkolaataa itti fayyadamuun akka gubamee badu gochuun Oromoo waan inni qabu laamshessuun hojii ala godhanii harka namaatti galchuu,
9, Oromoo qe’ee isaarraa buqqisuu
10,Oromoo tajaajila yaala fayyaa dhabee akka du’u mana yaalaa akka cufamuufi dhiyeessiin qorichaaf meeshaalee yaalaa akka hin dhiyaanne gochuufi dhaabbata miti mootummaa Fayyaa illee akka hin gargaarreef karaa dhaabbati miti mootummaa kun gargaaru danqaa itti ta’uu
11, Qaama Oromoo hin taane lammiilee biyya alaa dhaabbata gargaarsa namoomaa (kanneen akka WFP, UNICEF, IOM, ICRC, USAID, fi kkf) yeroo gargaarsaaf bobba’an ajjeesanii harka isaanii gara Waraana Bilisummaa Oromootti quba qabuu
12,Ijoollee Oromoo mana hojii mootummaa keessaa moggaatti dhiibanii baaauun saba amaaraan bakka buusaa deemuu
13, Dhaabbata Miti Mootummaafi Baankilee biyya keessa jiran ijoolleen Oromoo akka hin seenne gochuun hoo kan seenan ta’e ammoo qarshii 80,000 hanga 150,000 gaafachuun dhadhabsiisuu ijoollee amaaraa gara kana dhufan hojii ogummaa cinatti hojii basaasummaa hanga inteligience akka hojjetaniif haala itti Oromoon ajjeefamu meeshaan ittiin bitamu financialy haala mijeessuufii
Kanaafi kan kana caalu kan Oromoorratti godhamaa jiru karaa beekamtii mootummaa federaalaati aangoo isaa akka tikfamuuf Oromoon cabuu qaba jedhamee waan yaadamu qofaaf.
#Oromoon cabsamuuf xiyyeeffannoo guddaan itti kennamus
1, Wallagga
2, Gujiif Boorana
3,Walloo
4, Karrayyuuf Fantaallee
5,Harargeef Baalee dha!
Amma Oromoo Walloof Oromoo Wallaggaa akka malee lafarraa duguugaa jiru guyyaa har’aa kanallee Walloon akka malee ajjeechaa suukanneessaa keessummeessuu bira darbee ummati qe’eesaarraa buqqa’aa jira, qabeenyisaa saamamaaf gubamee barbadeeffamaa jira.