Gujiifi Shaambuutti waraanni mootummaa dargaggoo tokko rasaasaan ajjeesan

Go back

Your message has been sent

Warning
Warning
Warning
Warning

Warning.

Gujii lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa keessatti hidhattoonni murna bilxiginnaa ilma Oromoo tokko rasaasa itti roobsun ajjeesan.

Amajjii 25, 2023

Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti guyyaa gara guyyaatti adeemsifamaa jiru jabaatee itti fufuun  Oromiyaa keessatti nagaan ba’anii galuun  rakkoo ta’ee jira.

Namoota nagaa siyaasa keessaa quba hin qabne maqaa garaagaraa itti maxxansuun hidhattoonni garee maafi’aa PP lafa deeman hundatti dhiiga namaa dhangalaasaa  lubbuu namootaas  akka baalaa harcaasu.

Warroonni ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatanii hojjachaa jiran kun Gujii lixaa aanaa Dudda Daawwaa ganda Meedannoo iddoo addaa Diimaa jedhamu keessatti nama nagaa Gannaalee Worgamaa  Girjaa jedhamu guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 24,2023 rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni dubbatu.

Obbo Gannaaleen abbaa maatii 18 yoo ta’u nama hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isaa jiraachisu akkasumas siyaasa kam keessayyuu quba hin qabne akka ta’an jiraattootni kaasuun ilmaan Oromoo badii qabaatanii osoo hin taane Oromummaa qofaan yakkamanii akka ajjeefamaa jiran dabaluun ibsaniiru.

Gama biraan humnootiin tikaa mootummaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti dargaggoo tokko ajjeesuun obboleessa isaa Robina Amsalu Ofola  ukkaamsanii hidhuun dhagahame.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti dargaggoo Robina Amsalu Ofola humnoota tikaa mootummaan ukkaamsame marsaa 3ffaaf hidhame.

Humni tikaa mootummaa obboleessa Robina Amsalu Ofola  rasaasaan kan ajjeese yoo tahu Dargaggoo Robina Amsalu Ofola immoo  Amajji 1/2023 sirna Awwaalcha obboleessa isaa osoo raawwachaa jiruu humnootiin tikaa mootummaa ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii jiru.

Dargaggoo Robina Amsalu Ofola ammaan duras  humnoota tikaa mootummaan sababa miseensa Adda Bilisummaa Oromoo tahe qofaaf irra  deddeebiin hidhamaa kan turedha.

Robina Amsalu Ofola sababa miseensa ABO tahe qofaaf humnoota tikaa mootummaan mudde 2015 fi waxabajji 2020 dabalatee yeroo ammaa marsaa 3ffaaf sirna awwaalcha obboleessa isaa irra osoo jiruu Amajji 1/2023 humnoota tikaa mootummaan hidhamee jira.

Dargaggoo Robina Amsalu Ofola miseensa ABO tahee qabsoo karaa nagaa gaggeessuu isaan qofaa humnootiin tikaa mootummaa irra deddeebiin hidhaatti dararaa jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *