Godina  Arsii bahaa aanaa Heexoosaa keessatti murni bilxiginnaa namoota hidhuu fi mana hidhaatii baasuun ajjeesuu itti fufe.  

Godina  Arsii bahaa aanaa Heexoosaa keessatti murni bilxiginnaa namoota hidhuu fi mana hidhaatii baasuun ajjeesuu itti fufe.

Amajjii 25, 2023

Murni abbaa irree bilxiginnaa  ilmaan Oromoo Oromummaa qofaan yakkuun  qabee erga mana hidhaa seensiseen booda  mana hidhaati baasee ajjeesuu aadeeffachuun ona Heexosaa ganda Guurii Dabbullaa  jedhamu keessa namoota shan qabee hidhuun namoota lama keessaa ajjeesee  warreen hafan hidhaan dararaa jira.

Gocha kanas  Amajjii 20,2023  dargaggeesaa  maqaan isaa Kaliiloo Gandoo Hamdaa jedhamu Amajjii 21 ammoo  maanguddoo Jamaal Fay’isoo jedhamu  badii tokko malee qabuun dararaa guddaa erga irraan ga’aaniin booda mana hidhaatii baasuun qarqara aanaa Dheeraa bakka addaa Doddotaa jedhamutti qeerroo  fi maanguddoo kana ajjeesanii gatan.

Obboloota qeerroo Kaliiloon sadii kan maqaan isaanii Gammachuu Gandoo ,Asmad Gandoo fi Umar Gandoo  jedhaman maatii tokko keessaa qabanii hanga ammaatti buufata poolisii  aanaa Heexosaa magaalaa Itayyaa jiru keessatti  dararaa agarsiisaa jiru.
Namoota ganda Guurii Dabuullaa irraa qaban malee gandoota biroo irraas maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuun qabanii reebaa fi hidhaa jiraachuu maddeen kenyaa nuuf  gabaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *