Magaalaa Mandii bakkeewwan lamaa olitti humni qiileensaa Bilxiginnaa haleellaa Diroonii raawwate.
(SQ-Sadaasa 9,2022)
Har’a Sadaasa 9, 2022 waaree booda Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Mana Sibuu Magaalaa Mandiitti humni qiileensaa Mootummaa paartii Bilxiginnaa Diroonii fayyadamuun uummata Magaalaa Mandii irratti haleellaa qiileensaa raawwachaa jiraachuu jiraataa magaalaa Mandii irraa odeeffannee.
Haleellaan kun sa’a 8:00 irratti uummata nagaa hojiifi gabaaf waliif gad deemaa jiru irratti raawwatame kan jedhan maddeen Magaalaa Mandii ganda 02 naannoo Buufata konkolaataa bakka lamatti dirooniin bombii darbeera jedhan.
Haleellaa Diroonii Bilxiginnaan raawwate kanaan namoonni hedduu miidhamuu kan nuuf himan maddi keenya ammatti baayyina namoota ajjeefamanii adda baafachuu hin dandeenye jedhu, uummanni akka gabaa deema turetti daandii irratti lubbuu dhabe jira jechuun ammallee maal akka ta’u hin beeknu jedhu.
Yeroo gabaasa kana qindeessinetti Magaalaan Mandii haala ulfaataa keessa kan jirtu yoo ta’u miidhaa qaqqabeefi taatee itti aanuu jala buunee kan gabaasnu ta’a.