๐’๐š๐๐š๐š๐ฌ๐ง๐ข ๐Ÿ— ๐†๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง ๐˜๐š๐š๐๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐…๐ƒ๐† ๐–๐š๐ ๐ ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ•๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š

๐’๐š๐๐š๐š๐ฌ๐ง๐ข ๐Ÿ— ๐†๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง ๐˜๐š๐š๐๐š๐ง๐ง๐จ๐จ ๐…๐ƒ๐† ๐–๐š๐ ๐ ๐š๐š ๐Ÿ๐Ÿ•๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š
๐ˆ๐ฃ๐จ๐จ ๐ƒ๐ฎ๐›๐›๐ข๐ข ๐€๐๐Ž โ€“ ๐’๐š๐๐š๐š๐ฌ๐š ๐ŸŽ๐Ÿ—,๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ

Qabsoon diddaa gabrummaa baroota dheeraaf Ummatni Oromoo gaggeessaa ture bifa caalaatti qindaawaa fi waaltaโ€™aa taheen guutuu Oromiyaa keessatti wal qabatee akka diriiru, warraaqsi Mirga Abbaa Biyyummaa ofii falmachuu Oromiyaa guutuutti waaltoominaan akka gaggeeffamuuf, Kallachi Qabsoo Bilisummaa Oromoo (ABO)n bifa haarawaadhaan waggaa 17n harโ€™aa Sadaasa 09,2005 waamicha qabsoo Ummata Oromoof dabarse.

Guyyaa kana irraa eegalee Sabni Oromoo, addatti ammoo dargaggootnii fi barattootni Oromoo, goleelee Oromiyaa hunda keessatti, keessattuu, manneen barnootaa Sadarkaa Olโ€™aanoo fi Sadarkaa lammaffaa keessaa Mirga Dimokiraasii, Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Ummata isaanii falmachuuf hiriira nagayaa bahuu fi bifa adda addaatiin sochii wal irraa hin citnee fi itti fufiinsa qabu gaggeessan. Kanaanis wareegama olโ€™aanaa baasanii sirna bittaa alagaa kan Wayyaanee/EPRDF mormuudhaan gaaffii Oromoo addunyaatti mulโ€™isan. Erga Sadaasa 9, bara 2005 dargaggootni Oromoo FDG bifa caalaatti qindaaween gurmaawanii jalqabanii bara irraa baratti Fincilli Diddaa Gabrummaa Oromiyaa guutuu keessatti itti fufe.

Keessumaa ammoo, Ebla bara 2011 Warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga bifa Jaarmayaa Dargaggootaa haaraa qabatee finiinuu jalqabee guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sab-boontotaa fi walii-galatti Ummatni Oromoo balโ€™aan wal taโ€™uudhaan FDG bifa adda addaatiin mootummaa gabroomfataa Wayyaanee irratti finiinsuudhaan gaaffiin isaanii kan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa lubbuun itti bahe, dhiigni itti dhangalaโ€™e, lafeen itti caccabe, maatii fi qabeenyi itti mancaโ€™e fiixa baasuun kan hin hafne taโ€™uu hojii fi gootummaadhaan mirkaneessan.

Dargaggootnii fi barattootni Qeerroo fi Qarreen akkasumas sab-boontotni dallawa shira siyaasaa roga adda addaan diinni ijaare diiganii falmaa finiinsuudhaan humna Oromoon qabu diinaa fi firattis agarsiisaniiru.

Sirni bulchiinsa Wayyaanee/EPRDF nagayaa fi dimokraasii, akkasumas, mirga sabootaa kabajuu diduudhaan roorroon ummatoota irraan gahu yeroo irraa gara yerootti hammaachaa dhufuu fi Ummatoota biyyattii cunqursaa fi hiyyummaa hiriyaa hin qabneef saaxiluu irraan kan kaโ€™e, Fincila Diddaa Gabrummaa gaggeeffamaa ture keessatti wareegamni qaqqaaliin ummata keenyaan baafameera.

Dargaggootni, barattootnii fi sab-boontotni Oromoo hanga Bilisummaan Oromoo mirkanaawutti Falmaan Mirga Abbaa Biyyummaa kan hin dhaabbatne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessan.

Wareegama ulfaataa baasan kanaan qabsichi sadarkaa Fincila Diddaa Gabrummaa irraa akka gara Fincila Xumura Gabrummaatti ol guddatuuf, achi irraas Warraaqsa Ummataatti akka tarkaanfatu gochuun bara 2018tti sirna TPLF/EPRDF baroota 27 oliif ummata Oromoo fi ummatoota kaan hacuucaa fi saamaa ture jilbeenfachiisuun TPLF gara Tigraayitti akka xaxatu godhaniiru. Kanaanis biyyattii keessatti jijjiirami siyaasaa umrii fi guddina dhabee fi qabsoo dargaggootni/Qeerroon dhiiga itti dhangalaase butate aangootti ol baโ€™e.

Gartuun EPRDF injifannoo Qeerroo fi ummatni Oromoo darbees, ummatootni kaan dhiigaan fidan gowwoomsaa fi kabeebsaan aangoo butate kun gara PP jedhutti of jijjiiruun hacuuccaa siyaasaa, hidhaa, ajjechaa, dhiittaa mirgootaa fi loloota babalโ€™isuun sirna irra hammaataa taโ€™ee mulโ€™ate. Haaluma kanaan dargaggootni ummata isaaniif Bilisummaa, Mirga Dimokraasii, Abbaa Biyyummaa fi Walqixxummaa mirkaneessuuf dhiiga isaaniin TPLF karaa irraa kaasan, sirna amma aangoo irra jiru PPn akka diinaatti ilaalamanii jimlaan hidhamuu, ajjeesamuu, baqachiisamuu fi itti roorrisamuun hiree isaanii taโ€™eera.

Kanaaf harโ€™a illee dargaggootni Oromoo kaayyoo kaleessa qabatanii falmaa turan, akeeka Fincila Diddaa Gabrummaa bakkaan gaโ€™uuf haalli gama hundaan jiru gufuu isaanitti heddummeessus falmaa irraa hin dhaabbatne. Harโ€™as akkuma kaleessaa wareegama baasuu irratti argaman. Haga kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo galma gaโ€™utti falmaan, fincilli kan dhaabbatu miti. Kanaaf ammoo deemsa FDG ilaaluun barbaachisaa dha.

Addi Bilisummaa Oromoo Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) waggaa 17ffaa kana sababeeffachuun, Kabajaa fi Ulfina Gootota Sabaaf qabnu mulโ€™isuun dirqama lammii Oromoo hundaa taโ€™uu ummata Oromoo hubachiisa.

Sadaasa 9 guyyaa FDG yaadachuu qofas osoo hin taane, qabsoo bilisummaa Oromoo caalaatti finiinsuu irratti jabaannee akka hojjennu walii dhaamna. Galata jaallan keenya bilisummaaf kufanii bilisummaa sabaatiin mirkaneessuuf harka wal qabannee kaayyoo isaanii hojiitti hiikuuf cimnee akka hojjennu ummata Oromoo hundaaf dhaamna.

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 09,2022
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *