Shawaa Kibba Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa barataa kutaa 12 ajjeese.
(SQ-Waxabajjii 25,2022)
Oromiyaa guutuu keessatti ilmaan Oromoo ajjeesa kan jiru waraanni faashistii Bilxiginnaa Waxabajjii 24/2022 Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Gooroo Bulchiinsa Magaalaa Gururaa keessatti barataa kutaa 12ffaa kan ta’e dargaggoo Musxafaa Hamzaa badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen SQ.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti, Hamzaan nama siyaasa keessaa qooda hin qabneefi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u wayita inni qormaata biyyaalessaaf qopha’a jirutti waraanni Bilxiginnaa ajjeese jedhu.