Dhaabbanni bilisummaa pireesii idil-addunyaa CPJ Itoophiyaa keessatti bilisummaan miidiyaa dhiphachaa jiru yaaddoo isaa ibseera.
Dhaabbatichi qorannoon dhiheenya kana gaggeeffame akka agarsiisutti bara 2020 irraa eegalee qofa dhiibbaa ogummaa isaanii irraa kan ka’e gaazexeessitoonni 54 biyya isaanii baqataniiru.
Nathaniel Geechoo hundeessaa fi gulaalaa marsariitii Wolaita Times Itoophiyaati. Naataanaa’el waggoottan jahan darbaniif fuula isaa kan hordoftoota kuma dhibbaan lakkaa’aman qabu irratti waa’ee kibba Itoophiyaa gabaasaa ture. Qeeqas dhiheessaa tureera. Amma ammoo bulchiinsa naannootiin irra deddeebiin hidhaa fi rakkina irra ga’een gara Keeniyaatti akka baqate dubbata.
Murteen biyyaa bahuu isaa tasa akka tasaa akka hin taane kan dubbatu gaazexeessaan kun, “gabaasawwan yeroo adda addaatti gabaasaa tureef qondaaltota mootummaa olaanoo irraa doorsisni na qaqqabeera” jedheera. Yeroo muraasaaf rakkinni narra jiraatus hojjechuuf yaalaa tureera. Garuu doorsisa hordofuun magaalaa Wolaayitaa Sodootti ji’a jahaaf hidhame. “Sababni hidhamuu koo yeroo sanatti qaama na hidhwen naaf ibsamuu baatus, kallattiin gabaasawwan waliin kan walqabatu ta’uu isaa tilmaamuun ni danda’ama,” jedhe.
Gaazexeessaan biraa Heenook Tesfaayee Finfinnee irraa miidiyaalee idil-addunyaa adda addaatiif gabaasa dhuunfaa dhiyeessaa ture kan jedhu yeroo ammaa Keeniyaa Naayiroobii keessatti baqataa tahee jira.
Bara 2015 keessa qaamoleen nageenyaa mootummaa anaa fi waahillan koo hordofaa turan. Hiriyoonni koo hidhamanii gara Awaashitti akka geeffaman yeroon dhagahu haalli wal fakkaataa akka na hin mudanneef gara Keeniyaa dhufe. “Amma miiltoowwan koo hidhaman hiikkamanis, biyyatti hojiitti deebi’uuf haalli mijataan waan hin jirreef yeroof as turuuf dirqame,” jedheera.
Yeroo ammaa kana Keeniyaatti baqataa tahanii kan jiran Nathaniel Anna Henok, mormii bara 2010 dhoohe hordofuun Itiyoophiyaa keessatti jijjiiramni abdachiisaa bilisummaa miidiyaa irratti mul’achuu akka jalqabe ni yaadatu.
Gaazexeessitoonni fi namoota siyaasaa hidhaman gad lakkifamuun agarsiiftuu dimokiraasii guddaa ta’ee kan ilaalamu bilisummaa miidiyaa abdii akka uume kan hubachiisan gaazexeessitoonni kunneen, “Haa ta’u malee, adeemsa keessa, waraanaa fi walitti bu’iinsa kaaba Itiyoophiyaa fi kutaalee biyyattii biroo keessatti ka’e hordofuun, seektarichaa fi ogeessota isaa irratti dhiibbaan godhamuu eegale.” Hidhaa fi dararaa dabalatee dhiibbaan bifa adda addaatiin taasifamaa ture cimee itti fufe. Kunis abdii kanaan duraa caccabseera. “Akka lammii dhuunfaatti dhaabbata miidiyaa keessatti yaada keessan ibsuun kan sodaachisaa ta’e amma qofa miti,” jedhan.
Dhaabbileen idil-addunyaa adda addaa bilisummaa miidiyaa fi rakkina gaazexeessitoota Itiyoophiyaa irratti raawwatamaa jiru jedhame irratti yaaddoo qaban irra deddeebiin gabaasa isaanii keessatti ibsaa turaniiru. Keessattuu, dhaabbati idil-addunyaa eegumsa gaazexeessitootaa CPJ, “Itoophiyaa keessatti bilisummaan miidiyaa haalaan gadi bu’aa dhufeera” jechuun ibseera. “Waggoota muraasa darban kana keessatti wanti nuti warri CPJ Itiyoophiyaa keessatti argine dhiibbaan bilisummaa pireesii irratti mul’atu guddachaa dhufedha,” jedhan qindeessaan biiroo dhaabbatichaa Baha Afrikaa Mutoki Mumo “Gaazexeessitoonni gara iddoowwan nageenya qabuutti baqachuun isaanii dabalaa dhufeera.” “Qorannoo dhiheenya kana gaggeeffameen, bara 2020 irraa eegalee sababa ogummaa isaaniitiin dhiibbaa isaan mudateen gaazexeessitoonni 54 biyyaa baqachuu isaanii mirkaneessineerra,” jedhan.