Harargee Bahatti waraannifi kadiroonni Mootuummaa Bilxiginnaa Uummata doorsisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Harargee Bahatti waraannifi kadiroonni Mootuummaa Bilxiginnaa Uummata doorsisaa jiraachuu jiraattonni himan.

(SQ-Fulbaana 8,2022)

Mootummaan faashistii Bilxiginnaa Godina Harargee Bahaa Aanota kanneen akka Dirree Xiyyaaraa, Soofii fi Erar keessatti uummata nagaa doorsisaa jiraachuu maddeen SQ nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Lolli TPLF fi Bilxiginnaa marsaa lammaaffaa eegaluun wal qabatee, caasaleen Bilxiginnaa Aanota kanneenii, aanaa tokko keessaa namni 300 dirqamaan waraana deemuu qabdu kan jedhuu fi raayyaa ittisa biyyaa dirqamaan maallaqaan gargaaruu qabdu jechuun uummata ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa itti hammaachuun rakkoo argaa jiru gidirsaa jiru jedhu.

Kana malees maqaa waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun, addatti uummata aanaa Dirree xiyyaaraa doorsisaa jiru kan jedhe maddi keenyaa fulbaana 6/2022 waraanni Bilxiginnaa magaalaa meeshin jedhamutti konkolaataa irra taa’uun uummata nagaa irratti dhukaasaa turuu himuun, uummanni Oromoo fi miidiyaaleen Oromoo sagalee nuuf ta’as jedhee jira.

Itti dabaluunis, Qeerroon Bilisummaa Oromoo Godina Harargee Bahaa, ajjeechaa jumlaa saba oromoo irratti raawwatamaa jiru addatti ammoo ajjeecha tibba kana Faannoon Amaaraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa fi Aanaa Horroo Bulluqitti uummata Oromoo irratti raawwate cimsee akka balaaleffatuu fi maatii wareegamtootaaf jajjabina akka hawwus ifoomsanii jiru.

Kana malees sabni Oromoo waanjoo gabrummaa jalaa ba’uuf tokkummaan qabsaa’uufi, Waraana isaa Waraana Bilisummaa Oromoo waan danda’u maraan tumsuu qaba kan jedhan Qerroon Bilisummaa Oromoo Godina Harargee Bahaa, ilmaan Oromoo waraana Bilxiginnaa keessa jiraniifis Gara Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamanii saba isaaniif akka qabsa’aniif waamicha taasisanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *