Baqqaatonni Oromoo Somaalii Laand jiraatan rakkoo hamaa keessa jirra jedhu.
(SQ-Fulbaana 8,2022)
Ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii biyya isaaniirraa baqachuuni fi hoji dhabdummaa xoophiyaa keessatti hundee jabeeffate dheessuun biyyoota ollaatti baqatanii jiraatan irratti dararaan garaa garaa wayita irra ga’u irra deddeebiin kan mullatudha.
Haaluma kanaan baqattoonni Oromoo somaalii laand jiraatan, Humnoonni nageenyaa Somaalii laand, mootummaa xoophiyaa waliin waliif galuudhaan dararaa hamaa irraan geessisaa jiraachuu SQ,tti himan.
Saboota biroo irraa adda baafamnee, mirga baqattummaa sarbamaa jirra kan jedhan baqqaatonni Oromoo Somaalii laand jiraatan, humnoonni nageenya somaalii laand halkan mana nutti cabsanii qabeenya nuti qabnu maraa saamuudhaan, nuunis nu qabuudhaan mootummaa xoophiyaatti dabarsanii nu laachaa jiru jedhu.
Kanaafis uummanni Oromoo fi Miidiyaaleen Oromoo rakkoo hamtuu sababa Oromummaa keenyaa nurra ga’a jiru hubatanii sagalee akka nuuf taatan jechuun dhaammataniiru.