Yuuniversiitii Odaa Bultumitti barattoonni sababa hin beekamneen kukkufuun Mana yaalaatti guuramaa jiraachuun dhaga’ame.
(SQ-Caamsaa 23,2022)
Mooraa yuuniversiitii Odaa Bultum, kan Harargee Lixaa Cirootti argamu keessatti har’a Caamsaa 23,2022 galgala kana barattoonni moorichaa sababa hin beekamneen dhukkuba wal fakkaataa dhukkubsachuun, osooma deemanii ykn dhaabbatanii barattoonni hedduun kukkufuudhaan Ambulaansiin mana yaalaatti guuraa jiraachuu maddeen Gadaa Media Network nuuf himan.
Barataa moorichaa akka nuuf himetti sababni dhukkuba kanaa ammaaf adda baafamuu dhabus, Summiin bishaanitti akka naqametu shakkama jechuun yeroo ammaa barattuun tokko lubbuun darbuun akka hin oollee kaasuun, barattoonni dhibbaan lakkaawaman mana yaalaatti guuramaa jiraachuu dubbata.
barataan mooraa Yuuniversiitii Odaa Bultum kun akka jedhutti, barattoonni mooricha gadhiisanii ba’uuf jennaan poolisiin federaalaa mooraa keessaa akka hin baane dhorkuun, barattoonni ammaaf hin dhukkubsatin jiranillee yaaddoo keessa jiru jedha.
Baayyinni barattoota dhukkuba sanaan qabamaa jiranii ammallee dabalaa jiraachuus odeeffanneerra.
Maddi -GMN!